6 Guyyaa heddu'uun duuba Mootiin Waan Maraa anaan, «Amma gara laga Efraaxiisii dhaqiitii, hiituu hidhaa ta achitti akka dhossituuf si ajaje san fidi» jedhe. 7 Maarre anille gara laga Efraaxiisii dhaqee, hiituu hidhaa san addee dhosse sanii qotee fuudhe; hiituun hidhaa sun ammoo gara badee waan bu'aa hin qanne teeteertiiyyu.
8 Achiin duuba jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, 9 «Mootiin Waan Maraa, ‹Koora Yihuda'aatii fi koora guddaa Yerusaalemii akkasuma gara hin balleessa. 10 Kolbaan hantuun jecha kiyya caqasuu didde, ta mataa jabinnaan, waaqota dhibii tajaajiliisaaf, waaqonfatiisaafille hordottu tun, akkuma hiituu hidhaa ta gara baddee bu'aa hin qanne sanii hin te'an. 11 Akkuma hiituun hidha namaatitti maxxantu, kolbaan Israa'eliitii fi kolbaan Yihuda'aa marti natti akka maxxananu, ulfinnaa fi galata maqaa kiyyaatiif, kolbaa tiyya akka te'anu godheeraayyu; isaan ammoo na hin caqanne› jedha» jedhe.
18 Mootiin Waan Maraa natti dubbatee, «Mootichaa fi haadha mootichaatiin, ‹Kallachi ulfinna keessanii mataa keessan irraa waan bu'uuf, barcumaa mootumma'aa irraa gad bu'a'a› jedhi» jedhe. 19 Qachooti Yihuda'aa ka gara kibbaa[a] hin cufaman; ka isaan banulle hin jiru; kolbaan Yihuda'aa marti hin booji'anti; isaan duudiin hin fudhataman.
20 Ee Yerusaalem! Diinota keeti ka gara kaabaatiin dhufiisatti jiranu ol jedhii ilaali. Kolbaan sitti kennante, ta ati ittiin ifi jajju meet? 21 Worra ati jaala godhatte, Mootiin Waan Maraa si irratti yennaa mootonsu, ati maan jetta? Akka dubartii deettuu hin ciniinsifattuu ree? 22 Ati gadhaa keeti keessatti, «Tun maaf na irratti teete?» jettee yoo ifi gaafatte, sababa bacinna cubbuu teetiitiif, woyaa teeti si irraa shooqanee hunnaan si woliin rafane. 23 Nami Itoophiya'aa[b] bifa ifii yookiin qeeransi buburrummaa ifii jijjiiratuu dande'aa? Akkasuma isin worri hantuu hujuu barattane, waan dansaa hujuu hin dandeettanu. 24 Akka hicaaceen qilleensa goomole'eetiin bittinnoottu, ani isin hin bittinneessa. 25 Ee Yerusaalem! Mootiin Waan Maraa si'iin, «Ati na deetee waaqota dharaatitti waan addateef tun hiree teeti; qooda ani si'iif kenne. 26 Aninuu woyaa teeti fuula keetitti ol garagalchee akka ati qaanottu hin godha. 27 Ani hujii teeti battittii gaarayyeeffatiisa keetii, akka fardaa himimmisiisa keetii fi sagaagala keeti ka qaanii hin qanne dhaggeera. Ee Yerusaalem, si'iif aanne'e! Ati haga yoomii batumma'aan jiraatta?» jedha.
<- Kitaaba Ermiyaasii Raagichaa 12Kitaaba Ermiyaasii Raagichaa 14 ->
Languages