8 Kolbaan duudiin yaada tokkochaan kaatee, «Nu keessaa nami tokkolle gara dunkaana ifii yookiin gara mana ifii hin deebi'in. 9 Amma ammoo wonni nuuti goonu, qachaa Giibe'aa irratti hixa'aan duulla. 10 Israa'el keessatti waan fokkisiittuu hujaneef, kolbaa qachaa Giibe'aa ta biyya Beniyaaminii keessaa adabiisaaf, loltoota duulanuuf galaa akka dhikeessanu, gosa Israa'elii mara keessaa namoota dhibba keessaa kudhan, kuma tokko keessaa dhibba tokko, kuma kudhan keessaa kuma tokko hin qopheessina» jedhane. 11 Maarre namooti Israa'elii duudiin yaada tokkoon qachaa san loliisaaf wolitti qabamane.
12 Gosi Israa'elii gara gosa Beniyaamii namoota erganee, «Wonni hantuun namooti gariin odduu teessanitti hujane kun maan? 13 Amma namoota waan hantuu akkasii hujanee Giibe'aa keessa jiranu qaba'aatii nutti kenna'a; nuuti isaan ijjeennee, hujii hantuu tana Israa'el keessaa balleessina» jedhane. Worri Beniyaaminii ammoo waan Israa'elooti obboleeyyan isaanii isaanitti himane hin fudhanne. 14 Worri Beniyaaminii qachoota ifii keessaa wolitti qabamanee, Israa'eloota loliisaaf gara qachaa Giibe'aa dhufane. 15 Guyyaa san worri Beniyaaminii loltoota dhibba torba ka filamanee qachaa Giibe'aa keessa jiranu adoo hin dabalatin, qachoota ifii keessaa loltoota kuma diddamii jaa ka shallaagaa hidhatane wolitti qabane. 16 Loltoota tana keessaa namooti dhibbi torba bitaatticha; isaan looyya'aan dhakaa rifeensa tokkotti yoo qolaansanu irraa hin qabanu[a]. 17 Israa'elooti gosa Beniyaaminii adoo hin dabalatin, loltoota kuma dhibba afur ta shallaagaa hidhatte lolaaf baasane.
19 Achiin duuba Israa'elooti boruyyaa ganama ka'anee, qachaa Giibe'aa biratti qubatane. 20 Isaan loltoota Beniyaaminii loliisaaf bayanee, fuullee qachaa Giibe'aatitti addee qabatane. 21 Guyyuma san loltooti Beniyaaminii qachaa keessaa bayanee, loltoota Israa'elii kuma diddamii lama ijjeesane. 22 Israa'elooti ammoo wol jajjabeessanee, addee ifii ta guyyaa qaraa qabatanetti ammalle addee qabatane. 23 Israa'elooti dhaqanee haga galgalaatitti Mootii Waan Maraa duratti bowanee, «Nuuti ammalle obboleeyyan teennaa Beniyaaminoota loliisaaf hin duullaa ree?» jedhanee gaafatane. Mootiin Waan Maraalle deebisee, «Ee, dhaqa'aatii lola'a» jedhe. 24 Maarre guyyaa lammeesso'oo gosa Beniyaaminiititti duulane. 25 Worri Beniyaaminiille guyyaa lammeesso'oo san isaan loliisaaf qachaa Giibe'aatii bayanee, loltoota Israa'elii keessaa loltoota shallaagaa hidhatte kuma kudhanii saddeeti ijjeesane. 26 Achiin duuba kolbaan Israa'elii duudiin gara Bet'elii ol baatee, achitti Mootii Waan Maraa duratti teettee bootte; guyyaa san haga galgalaatitti laantee, ciinca'aa fi woreega nageyaa Mootii Waan Maraatiif dhikeessite. 27-28 Bara san saanduqi gondooroo Waaqaa achi waan jiruuf, akaakoon Aaronii, ilmi Ele'azaarii Fiinehaas Saanduqa Gondooro'oo san dura dhaabbatee tajaajilaayyu; Israa'elootille «Obboleeyyan teenna worra Beniyaaminii loliisaaf ammalle hin dhandha moo hin lakkinna?» jedhanee Mootii Waan Maraa gaafatane. Mootiin Waan Maraa deebisee, «Ani boru harka keessanitti dabarsee isaan waan kennuuf, dhaqa'aa lola'a» jedhe.
29 Achiin duuba Israa'elooti, loltooti adaala Giibe'aatitti riphanee akka eeganu godhane. 30 Guyyaa sadeesso'oo, Israa'elooti worra Beniyaaminii loliisaaf ol bayanee, akkuma qaraa fuullee qachaa Giibe'aatitti addee qabatane. 31 Worri Beniyaaminiille Israa'eloota loliisaaf yennaa bayane, qachaa irraa ari'anee fageessanee, akkuma qaraa karaa gara Bet'elii ol baasuu fi gara qachaa Giibe'aa geessu irratti loluu jalqabanee, Israa'eloota soddoma diida keessatti ijjeesane. 32 Worri Beniyaaminii, «Nuuti akkuma qaraa Israa'eloota injifatiisatti jirra» jedhanee yaadane.
47 Namooti dhibbi jaa ammoo, deebi'anee gara goomole'ee gula rassaa Rimooniititti baqatanee, achitti ji'a afur turane. 48 Israa'elooti gara lafa worra Beniyaaminii duubatti deebi'anee, namoota, hori'ii fi waan qachaa keessatti dhaggane mara shallaaga'aan ijjeesane; qachoota itti dhufane maralle ibiddaan gubane.
<- Kitaaba Abbootii Mura'aa 19Kitaaba Abbootii Mura'aa 21 ->- a Irraa hin qabanu: Yookiin irraa hin gorsan.
Languages