4 Inni waan Miikaan isaaf godhe isaanitti himee, «Miikaan na qaxaratee, ani hayyuu isaa te'eera» jedheen.
5 Achiin duuba isaan, «Yaadi nuuti deemiisatti jirru kun, ka nu'uuf guutaaruu fi guutuu dhabaaru akka te'e, maganne'ee Waaqa nu'uuf gaafadhu» jedhaneen.
6 Hayyichi deebisee, «Yaadi isin deentanu kun Mootii Waan Maraa duratti fudhatama'a; nageyaan dhaqa'a» isaaniin jedhe.
7 Maarre namooti shanan sun achii ka'anee, gara qachaa Laa'iishii dhaqanee, worri qachaa sanii akkuma worra Sidoonii nageyaa fi bidhaa malee akka le'anu dhaggane; latti isaanii waan mara waan qadduuf, isaan dureeyyi'i; worri qachaa sanii worra Sidoonii irraa fagaatee le'a; namoota dhibii wolille'een wolitti hin dhufanu.
8 Namooti shanan sun gara qachaa Zoraatii fi Eshtaa'olii yennaa deebi'ane, namooti isaanii, «Wonni isin dhaxxaneef maan teete?» jedhanee isaan gaafatane. 9 Isaan deebisanee, «Latti guddoo dansaa akka teete dhaggineerra. Ka'a'a itti duullee lollaa! Cadhittanee as hin tee'ina'a! Ariifadha'aa dhaqa'aatii biyya san qabadha'a. 10 Yennaa achi geettane namoota bidhaa malee le'anu hin dhaggitan; biyyi sun badho'o; wonni marti achi keessatti dhagganti; Waaqi biyya san isiniif kenneera» jedhane.
11 Tanaaf gosa Daanii keessaa, namooti dhibbi jaa meya woraanaa hidhatanee, qachoota Zora'aatii fi Eshtaa'olii keessaa bayanee deemane. 12 Isaan ol bayanee, biyya Yihuda'aa keessa qachaa Kiriiyat-Ya'ariimii gara aduun seentutti qubatane; tanaaf addeen sun haga adhaa quttuma gosa Daanii jedhanti. 13 Achille'ee dabaranee, gara biyya koobittii Efreemii dhaqanee, gara mana Miika'aa dhufane.
14 Achiin duuba namooti shanan, ka biyya adaala qachaa Laa'iishii dooyiisaaf dhaqane namoota ifiitiin, «Manoota kana keessaa tokkocha keessa, waaqi dharaa ka muka irraa bocamee meeti'iin gonfame, woyaan hayyumma'aa ta qomaa, fakkiin waaqota dharaa ta dhibiille akka jirtu hin beettanuu? Tanaaf amma maan akka gootanu yaadadha'a» jedhane. 15 Maarre gara mana Miika'aa, addee dargaggeessi gosa Lewwi'ii le'u dhaqanee, nageya isa fuudhane. 16 Yennaa san namooti Daanii worri dhibbi jaa meya woraanaa hidhatanee, seensuma karraa bira dhaabbataneeraniiyyu. 17 Dargaggeessichi hayyichi sun, namoota dhibba jaa ka meya woraanaa hidhatane woliin seensuma karraa bira adoo dhaabbatee jiruu, worri shanan dooyu sun gara mana Miika'aa seenee, waaqota dharaa ka muka irraa bocamee meeti'iin gonfame, woyaa hayyumma'aa ta qomaa, fakkii waaqota dharaa ta dhibiille fuudhane.
18 Isaan mana Miika'aa seenanee, waaqota dharaa ka muka irraa bocamee meeti'iin gonfame, woyaa hayyumma'aa ta qomaa, fakkii waaqota dharaa ta dhibiille yennaa fuudhane, hayyichi, «Isin maan godhaartan?» jedhee gaafate.
19 Isaan, «Cadhisi! Afaan keeti qabadhu; nu woliin koyiitii abba'aa fi hayyuu nuu te'i. Maatii nama tokkootiif hayyuu te'iisaa mannaa, gosaa fi balbala Israa'elii tokkoof hayyuu te'uu si'iif hin woyyuu?» jedhaneen. 20 Wonni kun hayyicha guddoo waan gammachiitteef, woyaa hayyumma'aa ta qomaa, waaqota dharaa ka muka irraa bocamee meeti'iin gonfamee fi waaqotaa dharaa ka dhibiille fuudhee isaan woliin deeme.
21 Isaan ijoollee ifii, horii ifiitii fi qabeenna ifii ifiin dura aansanee, deebi'anee deemane. 22 Namooti Daanii mana Miika'aa biraa fagaataneen duuba, Miikaan ollaa ifii wolitti waamee, hordofanee isaan dhaqqabanee, 23 itti iyyane. Namooti Daaniille gara isaanii garagalanee Miika'aan, «Ati namoota kana mara wolitti qaddee wonni dhutteef, haajaan keeti maan?» jedhanee gaafatane.
24 Miikaan deebisee, «Isin hayyicha kiyyaa fi waaqota ani hujadhe fudhattanee deentane; maanti naa hafe? Attam ‹Haajaan keeti maan?› naan jettan?» isaaniin jedhe.
25 Namooti Daanii dhufane Miika'aan, «Namooti kun aaranee si lolanee, lubbuu teetii fi maatii teetii akka hin dhanne ‹Xi'i› hin jedhin» jedhane. 26 Achiin duuba worri Daanii karaa ifii deemane; Miikaan worri Daanii isa caalaa jajjaboo akka te'ane yennaa dhagge, gara mana ifii deebi'ee deeme.
27 Worri Daanii waaqota Miikaan hujatee fi hayyicha isaaf tajaajilu isa duraa fudhatanee, gara qachaa Laa'iishii dhufanee, kolbaa nageyaa fi bidhaa malee leetu shallaaga'aan ijjeesanee, qachaa sanille gubane. 28 Kolbaan qachaa Laa'iishii, Sidoon irraa fagoo dhooqa Bet-Rehoobii keessa waan leetuu fi namoota qachaa dhibi'ii wolille'een wolitti waan hin dhunneef, nami isaan baasu hin dhagganne.
Languages