3 Abba'aa fi haati isaa ammoo, «Ati worra Filisxeemotaa ka haqanqabaa hin qabannee keessaa niitii fuudhiisaaf ka dhaxxu, fira keeti keessa yookiin kolbaa teenna mara keessa durri hin jirtuu?» jedhanee gaafatane.
4 Yennaa san worri Israa'el bulchu worra Filisxeemotaa waan te'aneef, Mootiin Waan Maraa worra Filisxeemotaa irratti lola kaasuu waan barbaadeef tun akka teete, worri isaa hin beenne.
5 Tanaaf Samsoon abba'aa fi haadha ifii woliin gara qachaa Tiimna'aa gad bu'e; isaan addee woynii Tiimna'aa yennaa geyane, neenqi dardarri tokko dhangaa dhowaa dedhuma gara isaa dhufe. 6 Ayyaanni Mootii Waan Maraa hunna guddo'oon Samsoon irratti bu'ee, innille harka duwwa'aan, akka ilmee re'e'eetitti neenqa san gargar kukkute. Inni ammoo waan tolche san abba'aa fi haadha ifiititti hin hinne.
7 Achiin duuba dhaqee intala woliin dubbate; isiille jaalate. 8 Guyyoota diqqa'aan duuba Samsoon isii fuudhiisaaf deebi'ee adoo dhaquu, neenqa ijjeese san ilaaliisaaf itti gore; reeffa neenqaa keessatti kinniisi itti qubatee, dammille keessa jiruun dhagge; 9 inni damma san harkatti baafatee, nyaataa deeme. Inni gara abba'aa fi haadha ifii yennaa dhufe diqqaa isaa isaaniif kennee, isaanille nyaatane. Inni ammoo damma san reeffa neenqaa keessaa akka baase isaanitti hin hinne.
10 Abbaan isaa gara intala sanii dhaqee, akkuma aadaa waajibaaf godhanutti, Samsooniif achitti jila qopheesse. 11 Worri Filisxeemotaa yennaa isa dhaggane, akka isa woliin turanu bookarsitoota soddoma ergane. 12 Samsoon isaaniin, «Hiibboo takka isinitti hiibbifadha; hiibboo tana guyyoota jilaa torba kana keessatti yoo naa hintane, woyaa quncee talba'aa irraa hujante soddomaa fi woyaa adduu soddoma isiniif hin kenna. 13 Isin yoo naaf himuu dhaddane ammoo, woyaa quncee talba'aa irraa hujante soddomaa fi woyaa adduu soddoma naaf hin kennitan» jedhe.
14 Innille
15 Guyyaa torbeesso'oo isaan haadha manaa Samsooniitiin, «Abbaa manaa keeti sossobadhuutii, hiibboo tana akka nuu himu godhi; yoo tana godhuu dhadde, si'ii fi mana abbaa keetii ibiddaan hin gunna; ada isin deega nutti buusiisaaf gara jilaa nu waantanee?» jedhane.
16 Tanaaf haati manaa ta Samsoonii bowaa gara isaa dhikaattee, «Ada ati na jibbita; ati dhugumaan na hin jaalattu; ati kolbaa tiyyatti hiibboo hiibbifattee, hiikkaa isi'ii ammoo natti hin hinne» jette.
19 Achiin duuba Ayyaanni Mootii Waan Maraa hunna guddo'oon Samsoon irratti bu'ee, Samsoon gara Ashiqalonii gad dhaqee, namoota soddoma ijjeesee, woyaa isaanii irraa mulqee, worra hiibboo himeef kenne. Saniin duuba guddoo aaree gara mana abbaa ifii deebi'e; 20 haadha manaa isaalle bookarsitoota guyyaa fuudha isaa keessaa, jaala isaa heerumsiisane.
<- Kitaaba Abbootii Mura'aa 13Kitaaba Abbootii Mura'aa 15 ->
Languages