2 Yiftaan ammoo isaaniin, «Anii fi kolbaan tiyya, worra Amoonii woliin akka malee yennaa wol lolle, ani isin waameeraayyu; isin ammoo harka isaanii jalaa na hin baanne. 3 Akka isin na baasaa hin jirre yennaa dhagge, lubbuu tiyya adoo hin mararfatin isaan loliisaaf meessaa qaxxaamuree dhaqe; Mootiin Waan Maraalle harka kiyyatti isaan dabarsee kenne; maarre isin adha maaf na loliisaaf dhuttane ree?» jedhe. 4 Achiin duuba Yiftaan worra Giil'aadii duudii wolitti qabatee, worra Efreemii lole; worri Efreemii worra Giil'aadiitiin, «Isin worri Giil'aadii, worra Efreemii irraa baqattanee, wodhakkaa worra Efreemiitii fi Minaase'ee leetan» waan jedhaneef, isaan lolane. 5 Worri Giil'aadii malkaa laga Yordaanosii ka worri Efreemii bu'u duudii qabate. Worra Efreemii keessaa nami baqatu tokko «Gamatti bu'a» jedhee yoo gaafate, worri Giil'aadii, «Ati sanyii Efreemiitii?» jedhanee isa gaafatan; inni, «Waawwo'o!» yoo jedhe, 6 isaan, «Shibolet» jedhi jedhaniin. Inni sirreessee jecha kana jedhiisa waan hin dandeenneef, «Sibolet» jedha. Achiin duuba isaan, isa hudhanee malkaa laga Yordaanosiititti isa ijjeesan; yennaa san worra Efreemii keessaa, namoota kuma afurtamii lamatti ijjeefame.
7 Yiftaan Giil'aadichi woggaa ja kolbaa Israa'elii bulcheen duuba du'ee, qachaa ifii ka Giil'aad keessaatitti awwaalame.
11 Ibzaan du'een duuba, Eloon nami sanyii Zebuloonii woggaa kudhan Israa'eloota bulchee, 12 achiin duuba du'ee, lafa Zebuloonii keessa qachaa Ayaloniititti awwaalame.
13 Eloon du'een duuba, nami qachaa Phiiraatonii, ilmi Hiilelii Abdoon Israa'eloota bulche.
14 Abdoon ilmaan afurtamaa fi akaakota soddoma, ta harree torbaatama irra teettee deentu qabaayyu. Inni woggaa saddeeti kolbaa Israa'elii bulche. 15 Achiin duuba Abdoon du'ee, biyya koobittii Amaaleqootaa keessatti, lafa Efreemiititti Phiiraaton keessatti awwaalame.
<- Kitaaba Abbootii Mura'aa 11Kitaaba Abbootii Mura'aa 13 ->
Languages