10 Achiin duuba Israa'elooti, «Si Waaqa keenna lakkinnee, waaqa dharaa Ba'aal waaqonfatiisaan si yakkineerra» jedhaa gara Mootii Waan Maraa iyyane.
11 Mootiin Waan Maraa isaaniif deebisee, «Worri Gibxi'ii, worri Amooniitii fi worri Filisxeemotaa, 12 worri Sidoonii, worri Amaaleqiitii fi worri Maa'onii yennaa isin cunqursane, isin gara kiyya iyyitanee, anille isaan jalaa isin baaseeraayyu. 13 Isin ammoo na lakkittanee, waaqota dhibii waaqonfattane; tanaaf ani haganaa achi isin hin baasu. 14 Dhaqa'aatii, gara waaqota filattanee iyyadha'a; yennaa isin rakkatane isaan isin baasanuu ti» jedhe.
15 Kolbaan Israa'elii ammoo Mootii Waan Maraa, «Nuuti cubbuu hunyeera; ati waanuma feete nu godhi; adha ammoo maganne'e nu baasi» jedhane. 16 Maarre isaan waaqota orma odduu ifiitii balleessanee, Mootii Waan Maraa waaqonfatane; Mootiin Waan Maraalle rakkinna Israa'elootaa dhaggee guddoo gadde.
17 Achiin duuba worri Amoonii lolaaf waamamanee, Giil'aad keessatti qubatane; Israa'elootille wolitti qabamanee qachaa Miispha'aa keessa qubatane. 18 Sooressitooti kolbaa Giil'aadii, «Nami dursee worra Amoonii loliisaa jalqabu, worra Giil'aad keessa le'u mara irratti sooressaa te'uu ti» wol woliin jedhane.
<- Kitaaba Abbootii Mura'aa 9Kitaaba Abbootii Mura'aa 11 ->
Languages