11 Mootiin Waan Maraa harka ifii jaba'aan na qabee, natti dubbatee, karaa kolbaan tun ideentu akka ani hin deenne na ifi eeggachiisee, 12 «Waan kolbaan tun, ‹Mala hammeennaa ti› jettu, isinille, ‹Mala hammeennaa ti› hin jedhina'a; waan isaan sodaatanu, hin sodaatina'a; wonni isaan naasisulle isin hin naasisin. 13 Ani Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade callaan, woyyicha akka te'e qaabadha'a; na callaa sodaadha'a; ana malee womaa isin hin naasisin. 14 Achiin ani galma woyyicha hin te'a; mootummaa Israa'eliitii fi mootummaa Yihuda'aatiif ammoo, dhakaa nama gufachiisuu fi rassaa nama jissu hin te'a; worra Yerusaalem keessa le'ulle'eef fonxoro'oo fi tiyyoo hin te'a. 15 Isaan keessaa worri hedduun gufatee, jigee hin bututa; isaan fonxoroo seenanee hin qabaman» jedhe.
16 Dhugaa baya tana eegi; gadhaa barattoota tiyyaa keessatti maxxansi. 17 Mootii Waan Maraa ka maatii Yaaqoobii duraa fuula ifii dhoffate, isa hin eegadha; addiille hin godhadha.
18 Kunoo, anii fi ijoolleen tiyya ta Mootiin Waan Maraa naaf kenne, kolbaa Israa'eliitiif, beessisaa fi baasa Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadee ka gaara Xiyoonii irra le'uu ti.
19 Yennaa isaan, «Worra ekeraa dubbisuu fi worra moru ka hasaasuu fi gungumu gaafadha'a» isiniin jedhane, ani ammoo isiniin, «Kolbaan sun Waaqa gaafatiisa lakkittee, marroo worra jiruu worra du'e maaf gaafatti?» jedha.
20 Worra akka seera kanaatii fi akka dhugaa baya kanaatitti hin dubbanneef latti hin bariitu.
Yennaa Rakko'oo
21 Kolbaan rakkattee, beelottee lafa irra hin joonjiti; isaan yennaa beelaan gaggabane, aaranee, ol ilaalaa mootii ifiitii fi waaqota ifii hin abaaran. 22 Achiin duuba gara lafaa yennaa ilaalanu rakkoo, dukkanaa fi dimimmisa sodaachittu qofa dhaggan; isaan dukkana dimma san keessalle'etti hin gataman.
<- Isaayaasii Raagichaa 7Isaayaasii Raagichaa 9 ->
aAmaanu'el: Afaan Ibrootaatiin, Waaqi nu woliin jira jechu'u.