2 Nami tokko, «Woyaan teeti akka woyaa worra woynii cunfuu,
3 Mootiin Waan Maraa deebisee, «Ani qofii tiyya woynii cunfeera; gosa biyya adda addaa keessaa nami tokkolle na woliin hin jiruuyyu. Ani aarii tiyyaan isaan irra sirbee, mufii tiyyaan isaan butuche; dhiigi isaanii woyaa tiyyatti faffaca'ee, woyaa tiyya halle. 4 Ani guyyaa haluu itti bayu murteesseera; barri ani kolbaa tiyya wodulle dhikaateera. 5 Ani adaala kiyya ilaale; nama na qarqaaru tokkolle dhabe. Nama qarqaaru waan dhabeef maadeffadhe. Maarre, irreen tiyya fayyinna naa fiddee, mufiin tiyya na qarqaarte.
8 Inni isaaniin, «Isaan dhugumaan kolbaa tiyya; ilmaan na hin sonne» jedheera; tanaaf inni fayyisaa isaanii te'e. 9 Yennaa isaan rakkatanu mara innille rakkate; ergamaan isaa ka isa bira jiru isaan baase. Inni jaalala ifiitii fi marartii ifiitiin isaan wode; inni bara duriitii jalqabee yennaa mara ol fuudhee isaan ba'ate. 10 Isaan ammoo finqilanee, ayyaana woyyicha isaa gaddisiisane. Tanaaf, inni garagalee diina isaanii te'ee, ifumaaf isaan lole.
11 Achiin duuba kolbaan bara durii, bara Muuse'eetii fi Israa'eloota isa woliin jirtu qaabattee, «Ka sooressitoota woliin kolbaa ifii abbaayaa keessa akka gamatti bu'anu godhe, ka ayyaana woyyicha ifii isaan keessa keye meet? 12 Irree ifii ta ulfinna qadduun ka midda Muuse'ee dhaabbate, ka ulfinna maqaa ifii bara baraan akka beekkamu godhiisaaf, isaan duratti bisaan gargar kute eennu? 13 Akka farda lafa duwwaa keessa ideemuu, qilee bisaanii keessa adoo hin gufatin akka isaan gamatti bu'anu ka godhe eennu? 14 Akka loon dirre'etti gad bu'anee foorfatanuu, ayyaanni Mootii Waan Maraa akka isaan foorfachiisu ka godhe eennu?» jetti. Ulfinni maqaa keetii akka beekkamuuf ati kolbaa teeti akka kanaan sooressite.
18 Kolbaan teeti woyyittiin yennaa diqqo'oof, addee woyyittii teeti dhaalte; amma ammoo, diinoti keenna addee woyyittii teeti irra sirbane. 19 Nuuti akka worra ati dur ijjumaa bulchitee hin beennee, akka worra maqaa keetiin waamamee hin beennee teeneerra.
<- Isaayaasii Raagichaa 62Isaayaasii Raagichaa 64 ->
Languages