4 Mootiin Waan Maraa, anaan, «Neenqi yookiin neenqi dardarri waan qabate irratti yennaa dhangaa dhowu, iyya tissitoota isa ari'iisaaf wolitti qabamane akkuma hin sodaanne, hogaa isaaniitiif akkuma hin rifanne, akkasuma Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade gaara Xiyooniitii fi kooba isi'ii irratti loliisaaf gad hin dhufa. 5 Akkuma sinbirreen koola ifii badhifattee mana ifii irratti gombooddu, akkasuma Mootiin Waan Maraa ka Waan Mara Dade Yerusaalemitti hin gombooba; isi'itti gomboobee hin baasa; gubbaa irra dabaree isii hin hambura.
6 «Ee kolbaa Israa'elii! Gara ana Mootii Waan Maraa ka finqiltanee deebi'a'a. 7 Guyyaa san waaqota dharaa keessan, ka meeti'ii fi worqii irraa harka keessan cubbichaan hujjane, isin marti hin gattan. 8 Achiin duuba worri Asoorii shallaaga'aan hin dhumatan; shallaagaan sun ka namaatii moti; shallaagaa namaa ka hin te'iniin isaan hin badan; shallaagaa san jalaa hin baqatan; dargaggooti isaanii hunnaan namaaf hin hujan. 9 Loltooti jajjabi isaanii sodaa guddo'oon hin jigan; ajajjooti loltoota isaanii, baandiraa yennaa dhaggane hin bararaqan» jedha, Mootiin Waan Maraa, ka ibiddi isaa Xiyoon keessa, addeen ibidda isaa Yerusaalem keessa jirtu.
<- Isaayaasii Raagichaa 30Isaayaasii Raagichaa 32 ->
Languages