14 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade natti dubbatee, «Dhugumaan yakkaa tanaan duutan malee, araara hin dhaggattanu» jedhe; Goottaan, Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dande'u tana dubbateera.
Waaqi Shebnaa Ifi Eeggachiise
15 Goottaan, Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dande'u, «Gara Shebnaa itti gaafatamaa mana mootumma'aa dhaqiitii, 16 ‹Ati asii maan hujja? Asitti addee awwaalaa akka qopheeffattu, kooba irratti addee awwaala akka bocattu, addee reeffi keeti itti foorfatu rassaa keessatti akka qopheeffattu, eentu si'iif eeyyame? 17 Ee nama jaba'a! Mootiin Waan Maraa jabeessee si qabee, fugussee si qolaansu'uu jira. 18 Inni akka kubba'aa si maree, gara biyya badho'oo si hin qolaansa; ati achitti hin duuta; garreettoti keeti ka fardaan harkifamanu ka ulfinnaa achitti hin hafan; atille mana goottaa keetiitiif salphinna hin teeta. 19 Inni addee teeti irraa gad si hin buusa; baallii teeti irralle'ee si hin kaasa› jedhiin.
20 «Guyyaa san ani Mootiin Waan Maraa tajaajilaa kiyya ilma Hiliiya'aa Eliyaaqim hin waama. 21 Ani woyaa ulfinnaa teeti isatti hin uffisa; hiituu teetille isatti hin hidha; baallii teeti dabarsee isaaf hin kenna. Inni worra qachaa Yerusaalemii keessa le'uuf, mana Yihuda'aatiifille abbaa hin te'a. 22 Furtuu mana Daawitii isaaf hin kenna; ka inni banu nami tokkolle cufuu hin dande'u; ka inni cufu nami tokkolle banuu hin dande'u. 23 Addee addachiittu'utti akka shikaala'aa jabeessee isa hin dongora; inni mana abbaa ifiitiif barcumaa mootumma'aa ka ulfinnaa hin te'a.
24 «Ulfinni maatii isaa duudiin ijoolleen, ijoolleen ijoollee isaanii, meen didiqqaan mana keessaa, sini'ii jalqabee haga waaba'aatitti isatti hin fannifaman. 25 Guyyaa san Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, ‹Togaan addee addachiittu'utti jabaatee dongorame sun buqqa'ee caccabee hin jiga; wonni isatti fannifame marti hin baddi› jedha» jedhe.