20
Ergaa Marroo Biyya Gibxi'iitii Fi Biyya Itoophiya'aa
1 Bara ajajaan loltootaa Sargon mootii Asooriitiin ergamee, biyya Ashidoodii lolee qabate, 2 yennaa san Mootiin Waan Maraa ilma Amosii Isaayaasitti dubbatee, «Dhaqiitii woyaa gaddaa teeti ifi irraa, kophee teetille miila keeti irraa baafadhu» jedhe; innille akkuma ajajame godhee, woyaa ifi irraa baafatee miila duwwaa ideeme. 3 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa, «Beessisaa fi ifi eeggachiisiisa biyya Gibxi'iitii fi Itoophiya'aa[a], tajaajilaan kiyya Isaayaas qullaa ifiitii fi kophee miila ifii baafatee woggaa sad akkuma ideeme, 4 akkasuma mootiin biyya Asoorii worra Gibxi'ii qabatee, worra Itoophiya'aa[b] booji'ee, dargaggootaa fi jaarsolee qullaa isaanii, kophee miila isaanii irraa baasee, hudduu qullaa isaan oofee hin ideema; maarre worri Gibxi'ii hin qaanowa. 5 Worri Itoophiya'atti[c] addatee fi worri Gibxi'iin koore, hin sodaata; hin qaanowalle'e. 6 Guyyaa san worri qarqara Abbaaya'aa[d] le'u, ‹Kunoo, worri nuuti mootii biyya Asoorii jalaa akka nu baasanuuf addannee, qarqaarsaaf itti baqanne eega akkas te'e, nuuti attamiin isa jalaa baana ree?› hin jedhan» jedhe.
<- Isaayaasii Raagichaa 19Isaayaasii Raagichaa 21 ->
Languages