3 Worri Mo'aabii kolbaa Yihuda'aatiin, «Nutti gorsa'a; murtee nu'uuf kenna'a. Aduu saafowaa irraa gaaddisa nu'uuf te'a'a; nu worra isinitti baqatu dhossa'a; dabarsitaneelle nu hin kennina'a. 4 Nu worri biyya Mo'aabii keessaa baqanne, odduu teessan qubannuu ti; worra nu balleessu jalalle'ee nu dhossa'a» hin jedhan.
6 Kolbaan Yihuda'aa, «Kooriisa kolbaa Mo'aabii, bondhooriisa, ifi jajiisaa fi tuffii isi'ii dhageenneerra; kooriisi isi'ii ammoo gatii hin qabu» hin jetti.
7 Tanaaf kolbaan Mo'aabii wiiccifattee hin bootti; isaan martinuu Mo'aabiif wiiccifatanee hin bowan; isaan sagalee dansaa qachaa Qir-Heresiitii yennaa qaabatane gaddanee hin bowan. 8 Fichaan qachaa Heshiboonii keessa jiru, muki woyni'ii Siibmaa keessalle qooreera; woynii dansaa ta haga qachaa Yaazeriitii, haga goomole'eetii fi haga abbaaya'aan gamaa geette, bulchitooti gosa biyya adda addaa irra sirbaneeran. 9 Tanaaf akkuma kolbaan qachaa Yaazerii muka woyni'ii Siibma'aatiif bootte, anille hin bowa. Ee, Heshiboon! Ee, Ele'aale! Midhaan muka keessaniitii fi midhaan keessan dhabannaan, ililleettiin yennaa midhaan galfattanuu waan hatteef, ani imimmaan dhangalaasee hin bowa. 10 Gammadaa fi ililleettiin fichaa midhaan baasu keessaa dhabante; fichaa woyni'ii keessatti ka geleluu fi ilillisu hin jiru; ani gelelee waan balleesseef, nami woynii cunfu addee woynii itti cunfanu hin jiru. 11 Tanaaf gadhaan kiyya Mo'aabiif, keessi kiyyalle Qir-Heresiif, akka qoonqoo kiraara guddichaa gaddaan gunguma. 12 Kolbaan Mo'aabii gara addee waaqonfannaa ifii yoo ol baatelle, toluma elootti; daadimatiisaaf gara addee itti waaqonfattuu yennaa dhaxxulle, bu'aa hin qaddu.
13 Wonni kun waan Mootiin Waan Maraa dur marroo Mo'aabiitiif dubbate. 14 Amma ammoo Mootiin Waan Maraa, «Akka woggaa nama yenna'aaf qaxaramee hujuu, ulfinni Mo'aabiitii fi baceenni kolbaa isi'ii woggaa sad keessatti gad hin deebi'a; worri jiru'uun hafelle diqqa'aa fi dadhabaa hin te'a» jedha.
<- Isaayaasii Raagichaa 15Isaayaasii Raagichaa 17 ->
Languages