1 Worra seera haqa hin te'in, sirna nama cunqursu baasuuf aanne'e! 2 Worra mirga hiyyeeyyi'ii dhiibuuf, kolbaa tiyya ta cunqurfante worra haqa dhoogguuf, karra haadha hiyyeessaa worra saamuuf, ijoollee abba'aa fi haadha hin qanne worra saamuuf aanne'e! 3 Guyyaa adabbi'ii, balaan fagoo irraa yennaa isinitti dhufu maan gootan? Qarqaarsa dhaggatiisaaf gara eennuu baqattan? Karra teessanille eessa dhoffatan? 4 Worra booji'ame odduu, yookiin ka ijjeefame jalatti gatamiisa malee, womaa isiniif hin hafu; tun marti teetulle inni aarii ifii hin qabbaneeffanne[a]; harki isaa akkuma ol fudhatametti jira.
7 «Mootiin Asoorii ammoo tana hin yaadanne; tun waan inni qalbii ifii keessaa qabuu moti; te'uu malee, inni balleessiisaaf, gosa biyya adda addaa hedduu fixiisaaf karoorfate. 8 Inni, ‹Ajajjooti loltoota tiyyaa marti moototaa motii ree? 9 Qachaan Kaalno'oo akkuma qachaa Karkemiishii, qachaan Haamaatii akkuma qachaa Arphaadii, qachaan Samaariya'aa akkuma qachaa Damaasqo'ootii motii ree? 10 Ani mootummoota waaqoti dharaa keessa guutane, mootummoota fakkii Yerusaalemiitii fi Samaariyaa caalanu akkuma qabadhe, 11 qachaa Samaariya'aatii fi waaqota dharaa isi'ii akkuma godhe, Yerusaalemii fi waaqota dharaa isi'iille akkasuma hin godhuu ree?› jedha» jedhe.
12 Mootiin Waan Maraa gaara Xiyooniitii fi Yerusaalem irratti, hujii ifii hujee yennaa fixe, «Mootichi Asoorii waan kooree ifi ol qabeef, ani isa hin adaba» hin jedha.
13 Mootiin Asoorii, «Ani nama hubataa waan te'eef, irree tiyya jaddu'uu fi qarummaa tiyyaan tana mara godhe; meessaa gosa biyya adda addaa diigee, qabeenna isaaniille saamee, mootota isaanii hunna tiyyaan gad buuse.
14 «Akka nama harka ifii mana simbirre'ee keessa keyee, quuphaa isi'ii wolitti qabuu, ani harka kiyya diriirsee, karra gosa biyya adda addaa wolitti qabe; isaan keessaa tokkolle haguma sinbirreen koola ifii tachoottuu ka tacho'e hin jiru; haguma afaan simbirre'eelle ka iyye hin jiru» hin jedha.
15 Agaraan nama isumaan muka muru irratti hin bondhooraa ree? Magaaziin nama isumaan muka baqassu irratti ifi hin jajjii ree? Tun adoo teetu teete, akka waan uleen abbicha isii qabatu san mirmirsituu ti; yookiin akka ciiraan abbicha isa qabatuun ani mukaa moti jedhuu ti.
16 Tanaaf Mootiin Waan Maraa, Goottaan Waan Mara Dande'u, loltoota ifii worra Asoorii gagabboo irratti dhukkuba huqqisu hin erga; ulfinna isaa guddaa jalalle'ee, holotaan akka bobe'a ibidda bobe'uu hin gabbata. 17 Ifi Israa'elii Waaqi, akka ibiddaa, Waaqi woyyichi Israa'elii akka bobe'a ibiddaa hin te'a; inni guyyaa tokko keessatti qore'ee fi qumi'uuduu gubee hin fixa. 18 Akkuma nami dhibamaan huqqatee du'u, gongomaan isaatii fi fichaan laafaan isaa ijjumaa hin badan. 19 Muki gongomaa isaa keessatti hafu guddoo diqqaa hin te'a; mucaan diqqaanuu laakkowee fixuu hin dande'a.
33 Kunoo, Goottaan, Mootiin Waan Maraa, Ka Waan Mara Dande'u, hunna ifii guddo'oon, dameelee hin caccassa; muki dhedheeraan hin murama; ka caalaa dheeratulle gad hin qabama. 34 Inni gongomaa ciggaa agara'aan hin mura; muki Libaanonii gugurdaan hunnaamessa duratti hin jigan.
<- Isaayaasii Raagichaa 9Isaayaasii Raagichaa 11 ->- a Hin qabbaneeffanne: Yookiin hin caffanne
Languages