4 Mootiin Waan Maraa, «Ee Efreem, ani maan si godhu ree? Ee Yihuda'a, ani maan si godhu ree? Jaalalli keessan akka hurrii ganamaa ti; akka fixeensa ganamaa ka dafee baduu ti. 5 Tanaaf, ani karaa raagota tiyyaatiin isin kukkutee, jecha kiyyaan isin ijjeese. Muraan tiyyalle akka balaqqeetti'ii isin irratti balaqqitte. 6 Ani ciincaa caalaa jaalala bara baraa, kennansa gubamu caalaa ana Waaqa beekiisa keessan barbaada.
7 «Isaan akkuma Addaamii gondooroo diigane. 8 Giil'aad qachaa namoota hamootaa, ka dhiigaan battowe. 9 Worri nama saamu akkuma riphee nama eegu, hayyootille goli'iin akkasuma godhan; isaan karaa Sheekem geessu irratti nama ijjeesaa, yakkaa fokkisiittuu hujan. 10 Ani Israa'el keessatti waan nafa nama shuguggeessu dhaggeera; Efreem achitti sagaagalee Israa'el battootte.
11 «Kolbaa tiyya boojuu irraa yennaa deebisu, ee kolbaa Yihuda'aa, isinille yennaa itti haammantanu murteesseera.
<- Hose'aa Raagichaa 5Hose'aa Raagichaa 7 ->
Languages