1 «Maarre obboleeyyan teessan, ‹Kolbaa tiyya›, obboleeyyan teessan ta durraalle, ‹Marartii› jedha'aa waama'a.
6 «Tanaaf, ani haxanxarii qore'eetiin karaa isi'ii hin cufa; akka isiin karaa baatu hin dhagganne, dalleya dhaka'aa itti ijaara. 7 Isiin gaarayyoota ifii gula fiiddi ammoo isaan hin dhaqqaddu; isaan hin barbaaddi ammoo hin dhaggitu. Achiin duuba, isiin, ‹Jiruu tiyya ta ammaa, jiruun tiyya ta durii waan caaltuuf, gara dhirsa kiyya ka durii deebi'a› hin jetti. 8 Isiin midhaan, daadhii woyni'ii o'itu'uu fi zayitii ejersaa ka isi'iif kenne, meeti'ii fi worqii isaan waaqa dharaa Ba'aaliif hujane, ka baceesse ana akka te'e hin beenne.
9 «Tanaaf, ani midhaan kiyya yennaa inni bilchaate, daadhii woyni'ii o'ituun tiyyalle yennaa isiin qophootte hin fudhadha. Woyaa liilanaatii fi woyaa quncee talba'aa irraa hujante tiyyalle akka isiin nafa qullaa ifiitiin hin gollanne ani deebisee hin fudhadha. 10 Ani gaarayyoota isi'ii duratti mulqee, qullaa isii hambura. Harka kiyya keessaa ka isii baasu hin jiru. 11 Ani jila isi'ii mara: jila isi'ii ka wogga'aa, ka baatii ji'aa, ka guyyaa Sanbataa, jila isi'ii ka addaa mara hin hambura. 12 Muka woyni'iitii fi muka harru'uu ka isiin, ‹Gaarayyoota kiyyatti gatii naaf kenne› jettu san hin balleessa. Ani gongomaa isaan godha; bineensoti isaan hin nyaatan. 13 Guyyoota isiin waaqa dharaa Ba'aaliif hixaana aarsiteef, ani isii hin adaba; isiin qube'ee fi seesa naqattee, gaarayyoota ifii gula deentee, ana ammoo deete» jedhe.
18 «Guyyaa san ani bineensota, sinbirroota fi bineensota lafa irra munyuuqanu woliin gondooroo hin godha. Martinuu nageyaan akka le'uuf, ani guube'ee fi shallaagaa, meya lolaa mara lafa irraa hin balleessa. 19 Ani haga bara baraa fuudhaaf si hawadadha; balchumma'aan, haqaan, jaalala bara baraatii fi mararti'iin fuudhaaf si hawadadha. 20 Ani addatamumma'aan fuudhaaf si hawadadha; atille ana Mootii Waan Maraa hin beetta. 21 Yennaa san ani Mootiin Waan Maraa deebii hin kenna; ani ol-gubba'aaf deebii hin kenna; ol-gubbaalle lafaaf deebii hin kenniti. 22 Lattille midhaan, woyni'ii fi zayitii ejersaa kenniisaan Yizre'eliif deebii hin kenniti. 23 Ani biyya keessatti kolbaa tiyya hin dhaaba; worra, ‹Lo-Ruhaamaa[b]› jedhee waame hin marara; worra ‹Lo-Amii[c]› jedhee waame, ‹kolbaa tiyya› hin jedha. Isaanille, ‹Ati Waaqa keenna› anaan hin jedhan» jedhe.
<- Hose'aa Raagichaa 1Hose'aa Raagichaa 3 ->
Languages