1 «Kolbaan Efreemii qilleensa tissiti; qilleensa karaa aduun baatuu ari'aa oolti; dharaa fi hunnaan nama irratti ka'iisa baceessiti; Asoor woliin wolii galtee gooti; gara biyya Gibxi'iille zayitii ejersaa ergiti» jedha.
2 Mootiin Waan Maraa Yihudaa irratti waan ciicatu qaba; akka ideensa isaatitti Yaaqoob hin adaba; akka hujii isaatitti gatii isaaf hin kaffala. 3 Inni gadaamessa haadha ifii keessatti jimuu obboleessa ifii qabe; yennaa nama guddaa te'elle Waaqa woliin wodhaantoo qabate. 4 Ergamaa Waaqaa woliin wodhaantoo qabatee injifate; inni bowee akka fudhatama dhaggatu kadhate; Waaqi Bet'elitti itti mudhatee, achitti isa woliin dubbate. 5 Mootiin Waan Maraa Waaqi waan mara Dande'u maqaan isaa Mootii Waan Maraa ti. 6 Ati ammoo gara Waaqa keetii deebi'i; jaalalaa fi haqa eegi; yennaa mara Waaqa keeti eegadhu.
10 «Ani raagotatti dubbadhee, mudhii bacaa isaanitti mudhise; karaa isaaniitiin mammaassa hedduulle mammaake. 11 Qachaan Giil'aadii hama'aa motii? Kolbaan qachaa Giil'aadiille bu'aa hin qaddu! Isaan Giil'aad keessatti korommii ciincaa dhikeessanii motii? Addeen ciinca'aa ta isaanii akka tuulaa dhaka'aa ta fichaa qotame keessa jirtuu hin teeti» jedha.
12 Yaaqoob gara biyya Aaramii baqate; Israa'el niitii dhaggatiisaaf namaaf tajaajile; gatii isi'ii kaffaliisaaf hoolee tisse. 13 Mootiin Waan Maraa raagicha ergee kolbaa Israa'elii biyya Gibxi'ii keessaa baase; karaa raagichaatiin isaan kunuunse. 14 Kolbaan Efreemii dhiiga kolbaa dhibi'ii dhangalaasiisaan akka malee Goottaa aarsite; Goottaan dhiiga dhangalaasane san mataa isaaniititti hin deebisa; tuffii isaaniitiifille gatii isaaniif hin kaffala.
<- Hose'aa Raagichaa 11Hose'aa Raagichaa 13 ->
Languages