4 Fuudhaa fi heerum nama mara biratti ulfinna qabaatuu ti; Waaqi worra sagaagaluu fi worra gaarayyeeffatutti waan muruuf, abbaan manaatii fi haati manaa woliif addatamanuu ti. 5 Jaalala beese'ee irraa if qusadha'a; wonni isin qaddanu isin gewuu ti. Waaqi, «Ani ijjumaa si hin lakkisu, ijjumaa si hin gatu» jedheera. 6 Maarre sodaa malee,
7 Worra jecha Waaqaa isinitti dursee hime sooreyyii teessan qaabadha'a! Leetoo isaanii keessaa waan dhaggame ilaala'a, fakkeenna dhugeeffannaa isaaniille fudhadha'aatii hordofa'a. 8 Yesuus Kiristoos kaleelle, adhaalle, haga bara baraalle sanuma! 9 Barsiisa adda addaa, barsiisa orma te'e maraan hin booji'amina'a! Gadhaan keenna seera sagale'ee eeggatiisaan adoo hin te'in, badhaadha Waaqaatiin adoo jabaate dansa'a; worri seera sagale'ee eeggateeyyuu womaa hin dhagganne.
10 Nuuti addee ciincaan itti ciinceffamu qanna; te'uu malee worri dunkaanii Yihudootaa san keessa tajaajilu akka addee ciincaan itti ciinceffamu irraa nyaatuuf hin eeyyamamu. 11 Hayyichi guddichi Yihudootaa, dhiiga hori'ii ka araara cubbu'uu fidu qabatee addee woyyittii woyyootaa seena; foon horii sanii ammoo addee itti qubataneen alatti gubama. 12 Akkasuma Yesuus dhiiga ifiitiin kolbaa woyyoonsiisaaf, karra qachaa gudda'aatiin alatti rakkate. 13 Kowa'a nuutille addee quttumaatii baanee gara isaa dhandha; worra salphinna inni fudhatelle qoodannu teena. 14 Nuuti qachaa guddicha dhufu eeggatiisatti jirra malee, qachaa guddicha hin banne lafa tana irratti hin qannu. 15 Yoona, karaa Yesuusiitiin woreega galataa adoo gargar hin kutin, kowa'a Waaqaaf kennina. Kunille woreega galataa, ka afaan maqaa isaatiif dhugaa bawu irraa dhikaatu. 16 Waan dansaa godhiisaa fi waan qaddanu worra dhibi'iin geyiisa hin dedhina'a! Woreegi akkasii Waaqa hin gammachiisa.
17 Sooreyyii teessaniif ajajama'a; baallii isaaniitille'een jalatti bula'a; isaan baallii Waaqaan itti gaafatamanu waan qabanuuf, lubbuu teessan jabaatanee tissan; yoo isin isaaniif ajajantane, isaan kana gammadaan hujan; yoo akkas hin te'in, gaddaan hujan; kun isiniif dansa'aa moti.
18 Nu'uuf daadimadha'a; nuuti karaa maraan waan dansaa hujiisaaf halchaa waan qannuuf, wodanaa qulqulluu akka qannu beenneerra. 19 Irra caalaa akka ani dafee gara keessan deebi'ee dhufuuf akka daadimattanu, jabeessee isin kadhadha.
Languages