7 «Isin hora'a, heddadha'a, bacadha'aa lafa guuta'a!» jedhe.
8 Achiin duuba Waaqi Nohii fi ilmaan isaa ta isa woliin jirtuun, 9 «Kunoo ani isinii fi sanyii teessan worra isiniin duubaa woliin gondooroo tiyya hin gondoora; 10 akkasuma dada lubbuu qabu ka isin woliin jiru mara, sinbirroota mara, horii mara, bineensota mara, waan isin woliin hoboloo guddittii san keessaa bayane mara woliin gondooroo tiyya hin gondoora. 11 Ani ijjumaa dada lubbuu qabu bisaan badi'iitiin lafa irraa deebi'ee akka hin balleessineef, bisaan badi'ii ijjumaa deebi'ee lafa akka hin balleessine, ani isin woliin gondooroo tiyya hin gondoora. 12 Gondooroo ani isinii fi dada lubbuu qabu ka isin woliin jiruuf, dhaloota dhufu maralle'ee gondoore tanaaf beessisa kana kenna: 13 ani hiituu tiyya duumensa keessa keya; hiituun tunille beessisa Gondooroo anaa fi biyyaa lafaa oddu'utti te'e hin teeti. 14 Yennaa ani gubbaa duumensaan gollee, hiituun duumensa keessaan mudhattu, 15 ani gondooroo tiyya ta isinii fi dada lubbuu qabu mara woliin gondoore hin qaabadha; bisaan badi'ii dada lubbuu qabu mara deebi'ee ijjumaa hin balleessu. 16 Yennaa hiituun duumensa keessaan mudhattu, ani isii ilaalee, gondooroo haga bara baraa ta anaa fi dada lubbuu qabu ka lafa irra jiru mara oddu'utti gondoore hin qaabadha» jedhe. 17 Waaqi Nohiin, «Beessisi gondooro'oo ka ani ifii fi dada lubbuu qabu ka lafa irra jiru mara oddu'utti gondoore hiituu tana» jedhe.
20 Nohi, nama lafa qotu, ka woynii dhaabiisa jalqabe. 21 Gaafa tokko inni yennaa daadhii woyni'ii unee machowe, qullaa dunkaanii ifii keessa rafe. 22 Abbaan Kana'aanii, Kaam, abbaa ifii qullaa jiruun dhaggee, alatti obboleeyyan ifii lamatti hime. 23 Achiin duuba Seemii fi Yaafet woyaa fuudhanee gurmuu ifii lamaan irra buufatanee, dudda duubaan deemanee nafa abbaa isaanii qullaa san dhossane; fuulli isaanii irraa waan garagaleeruuf, nafa qullaa abbaa ifii san hin dhaggine. 24 Nohi machii yennaa bayyanate, waan ilmi isaa maandhichi isa irratti godhe beekee,
28 Bisaan badi'iitiin duuba Nohi woggaa dhibba sadii fi shantama le'e. 29 Inni wolumatti woggaa dhibba sagalii fi shantama le'ee, achiin duuba du'e.
<- Kitaaba Seera Dadaa 8Kitaaba Seera Dadaa 10 ->
Languages