6 Yennaa bisaan badi'ii lafatti dhufe san, Nohi nama woggaa dhibba jaa ti. 7 Bisaan badi'ii jalaa bayiisaaf Nohii fi niitiin isaa, ilmaan isaatii fi niitoleen isaanii gara hoboloo gudditti'ii seenane. 8 Hori'ii fi bineensi qulqulluu te'anee fi qulqulluu hin te'in, sinbirrootille, wonni lafa irra lowulle martinuu, 9 lama lama, kormaa fi dhalaan, akka Waaqi ajajetti, gara Nohii dhufanee woliin hoboloo guddittii san seenane. 10 Guyyaa torbaan duuba bisaan badi'ii dhufe.
11 Kunille bara jiruu Nohii woggaa dhibba jayeesso'oo, ji'a lammeesso'oo, ji'a san keessa guyyaa kudhanii torbeesso'oo te'e; gaafas burqituun golba qile'ee gugurdoon dho'anee, foddaan gubba'aa banante. 12 Bokkeenni guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama lafa irratti bu'e. 13 Guyyuma jedhame san Nohi, niitiin Nohii, ilmaan isaa Seem, Kaam, Yaafetille, niitoleen ilmaan isaa sadiinuu, isa woliin hoboloo guddittii san seenane. 14 Bineensoti gosa adda addaa, horiin gosa adda addaa marti, wonni lafa irra lowanu marti, sinbirrooti gosa adda addaa marti, dadi koolaan ka'anu marti, 15 dadi hafuura jiru'uu ifi keessaa qaddu marti lama lama te'anee Nohi woliin gara hoboloo guddittii sanii seenane. 16 Worri seenanelle, akkuma Waaqi isa ajajetti, kormaa fi dhalaa dada maraatiiyyu; achiin duuba Waaqi balbala hobolo'oo itti cufe.
17 Bisaan badi'ii guyyaa afurtama lafa irratti roobuma roobee, lafa irra guutee, hoboloon lafa irraa ol kaate. 18 Bisaan lafa irraa guddoo ol ka'ee, hoboloon guddittiin sun bisaan irra deente. 19 Bisaan lafa irraa guddoo ol ka'ee, gaarota ol dhedheeraa gubba'aan jala jiranu mara dhosse. 20 Bisaan qaccee gaara irraayyuu gara meetira torbaa dabaree dhosse. 21 Wonni lubbuu qabaa, dadi lafa irra munyuuqanu martinuu, sinbirrooti, horiin, bineensi, nami martinuu du'ane. 22 Wonni lafa irra le'u ka hafuura baafatu marti du'e. 23 Waaqi waan dadamee lafa irra le'u, nama, horii, waan lafa irra lowanuu fi sinbirroota haxowee balleesse; isaan lafa irraa haxowamanee badane. Nohii fi waan isa woliin hoboloo guddittii keessa jiru qofattuu hafe. 24 Bisaan guyyaa dhibbaa fi shantama gad hin dhidhanne.
<- Kitaaba Seera Dadaa 6Kitaaba Seera Dadaa 8 ->
Languages