4 Isaan yennaa nageeffatane, Yoseef qondaaltota mootichaatiin, «Ani yoo isin duratti fudhatama dhaggadhe, maganne'ee mootichaan, 5 ‹Abbaan kiyya yennaa du'a geyeeru, addee awwaalaa ta inni ifiif qopheeffate, lafa Kana'aanii keessatti akka ani isa awwaalu na kakachiiseera; tanaaf maganne'ee, dhaqee abbaa kiyya awwaaladhee deebi'a› jedha'aatii naaf hima'a» jedhe.
6 Mootichi deebisee, «Akkuma inni si Kakachiise, dhaqiitii abbaa keeti awwaali» jedheen.
7 Maarre Yoseef abbaa ifii awwaaliisaaf dhaqe. Qondaaltoti mootichaa marti, jaarsoleen mana mootummaa isa keessa jiranuu fi jaarsoleen lafa Gibxi'ii marti Yoseef woliin dhaqane. 8 Akkasuma maatiin Yoseefii, obboleeyyan isaatii fi maatiin abbaa isaa duudiin isa woliin dhaqane. Ijoollee didiqqoo, re'ee, hoole'ee fi loon isaanii qofatti lafa Gooshenii keessatti hafe. 9 Worri garreettaa fardaatii fi abbootiin fardaalle isa woliin dhaqane. Gobbuun sun akka malee guddo'o.
10 Isaan laga Yordaanosiitiin gama eeddummee Axaadii bira yennaa geyane, abbaa ifiitiif wiiccifatanee bowane; Yoseef achitti guyyaa torba abbaa ifiitiif boochise. 11 Worri lafa Kana'aanii keessa le'anu bowicha namoota eeddummee Axaadii biraa dhagganee, «Worri Gibxi'ii bowiisa guddaa bowiisatti jiran!» jedhanee, maqaa addee sanii, «Abeel-Miizraayim» jedhanee baasane; hiikkaan afaan Ibrootaatiin, «Bowa worra Gibxi'ii» jechu'u. Addeen sun laga Yordaanosiitiin gamatti dhagganti.
12 Maarre ilmaan Yaaqoobii akkuma inni isaan ajaje godhane; 13 ilmaan isaa reeffa isaa lafa Kana'aaniititti geessanee, goda awwaalaa ta fichaa Makfela'aa keessatti, ta Mamree irraa gara aduun baatu jirtutti awwaalane. Goda awwaalaa tana Abrahaam addee awwaalaa akka teetuuf Efronii namicha biyya Heetii irraa bitate. 14 Yoseef abbaa ifii awwaaleen duuba, obboleeyyan isaatii fi worra abbaa isaa awwaaliisaaf isa woliin deemaneeranu mara woliin gara biyya Gibxi'ii deebi'e.
18 Achiin duuba obboleeyyan isaalle dhufanee, isa duratti jiganee, «Nuuti garboota teeti» jedhane.
19 Yoseef ammoo, «Hin sodaatina'a! Ani bakka Waaqaa hin bu'u. 20 Isin hantuu na godhiisaaf mala dhoottane; Waaqi ammoo gara waan dansa'aa jijjiire; inni lubbuu namoota heddu'uu ka ammaa fayyisiisaaf tana godhe. 21 Maarre hin sodaatina'a. Ani isinii fi ijoollee teessaniif waan barbaachisu hin kenna» jedhe. Yoseef gadhi-laafinnaan obboleeyyan ifiititti dubbatee isaan jajjabeesse.
24 Achiin duuba Yoseef, obboleeyyan ifiitiin, «Ani du'aara. Waaqi ammoo isin woliin hin jiraata. Inni lafa tana keessaa gara lafa Abrahaamiif, Yisihaqii fi Yaaqoobiif waadaa galetti isin hin deebisa» jedhe. 25 Maarre Yoseef ilmaan Yaaqoobiitiin, «Waaqi dhugumaan isin woliin hin jiraata; yennaa inni gara lafa sanii isin deebisu, lafee tiyya asii fuutanee akka deentanu naaf kakadha'a» jedhe.
26 Yoseef woggaa dhibbaa fi kudhani tti du'e. Isaan reeffa isaa qorsaan sukkuumanee gossanee, biyya Gibxi'ii keessatti saanduqa keessa keyane.
<- Kitaaba Seera Dadaa 49
Languages