9 «Amma ariifadha'aa gara abbaa kiyyaa dhaqa'aatii, ilmi keeti Yoseef, ‹Waaqi lafa Gibxi'ii mara irratti bulchaa na godheera. Hin turinii na bira koy! 10 Lafa natti dhikaattu lafa Gooshenii keessa hin leeta; atii fi ijoolleen teeti, ijoolleen ijoollee teetii, hoole'ee fi re'een teeti, loon keeti, wonni ati qaddu martille natti hin dhikaatan. 11 Ammalle woggooti beelaa shan waan hatteef, ati, maatiin teetii fi horiin keeti akka hin beelonne, ani Gooshenitti waan isinii barbaachisu hin godha› jedha'aatii itti hima'a.
12 «Ani afaan kiyyaan akka isinitti dubbadhe, isinuu dhaggitaneertan, obboleessi kiyya Beniyaamille dhaggeera. 13 Biyya Gibxi'ii keessatti ulfinna guddaa attamii akka ani qabuu fi marroo waan dhaggitanee mara abbaa kiyyatti hima'a. Abbaa kiyyalle ariifadha'aa as fida'a» jedhe.
14 Achiin duuba inni morma Beniyaaminii obboleessa ifii hanqafatee bowe; Beniyaaminille morma isaa hanqafatee bowe. 15 Yoseef obboleeyyan ifii mara sunqatee itti bowe. Tanaan duuba obboleeyyan isaa isa woliin haasowane.
16 Oduun dhufiisa obboleeyyan Yoseefii mana mootumma'aatitti yennaa dhage'ante, mootichi Gibxi'iitii fi qondaaltoti isaa akka malee gammadane. 17 Maarre mootichi, Yoseefiin, «Obboleeyyan teetiin, ‹Geejjiba keessan fe'adha'aatii gara lafa Kana'aanii deebi'a'a. 18 Abbaa keessanii fi maatii teessan gara kiyya fida'a. Ani lafa Gibxi'ii keessaa ta irra caalaa dansa'aa isiniif hin kenna, isinille sagalee dansaa lafa sanii hin nyaattan› jedhi. 19 Dabalii isaan ajajiitii, ‹Garreettaa geejjibaa ka niitota teessan, ijoollee teessanii fi abbaa keessan itti feetanee fiddanu, biyya Gibxi'iitii fudhadha'aa deema'a. 20 Biyya Gibxi'ii keessatti lafa irra caalaa dansa'aa waan dhaggattanuuf, karra teessan ta lakkittanee dhuttanuuf hin qucuucamina'a› jedhiin» jedhe.
21 Maarre ilmaan Yaaqoobii akkuma jedhame godhane. Akkuma mootichi ajaje, Yoseef garreettaa geejjibaatii fi ideensa kara'aatiif galaa isaaniif kenne. 22 Inni woyaa adduu tokko tokkoo isaaniitiifuu kenne; Beniyaaminiif ammoo woyaa adduu shanii fi meetii dhibba sad kenne. 23 Abbaa ifiitiif waan dadansaa biyya Gibxi'iititti dhaggamanu fe'iisa harreele'ee kudhan, dabaleelle ideensa kara'aatiif galaa akka te'u midhaanii fi daabboo, sagalee dhibiille fe'iisa harreelee dhaltu'uu kudhan erge. 24 Inni obboleeyyan ifii ergee, isaanille ka'aaranuun, inni, «Karaa irratti wol hin lolina'a!» isaaniin jedhe.
25 Maarre isaan biyya Gibxi'iitii bayanee, lafa Kana'aanii keessatti gara Yaaqoobii abbaa ifii dhufane. 26 Isaan, abbaa ifiitiin, «Yoseef haga ammaa hin jira! Lafa Gibxi'ii duudii irrattiiyyuu bulchaa te'eera» jedhane. Yaaqoob ammoo nayee gaggabe; inni dubbii isaaniille dhugeeffatiisa hin dandeenne.
27 Te'uu malee waan Yoseef isaaniin jedhe mara yennaa isaan itti himane, gara biyya Gibxi'ii akka ittiin isa fidanu garreettaa geejjibaa ka Yoseef ergelle yennaa dhagge bayyanate. 28 Achiin duuba Yaaqoob, «Ilmi kiyya Yoseef haga ammaa jiraachuun isaa na geetti! Ani adoo hin du'in dhaqee isa dhagguu qaba» jedhe.
<- Kitaaba Seera Dadaa 44Kitaaba Seera Dadaa 46 ->- a Bulchaa: Afaan Ibrootaatiin goottaa jedha.
Languages