6 Abrahaam ariifatee gara Saara'aa dunkaana keessa dhaqee, «Dafiitii, bullaa dansittii meya itti safaranu sad, sukkuumii, bilcheessi» jedheen. 7 Achiin duuba Abrahaam gara tikaa rukkisee, jabbilee bobbosoqqee keessaa tokkocha fuudhee, tajaajilaa dafee qalee qopheessu tokkotti kenne. 8 Achiin duuba inni itittuu, aananii fi foon qophowe san geessee, isaaniif dhikeesse; yennaa isaan nyaatanu, Abrahaam muka jala isaan bira dhaabbateeraayyu.
9 Yennaa san isaan, «Niitiin teeti Saaraan eessa jirti?» jedhaneen.
10 Isaan keessaa tokkochi, «Bara dhufu yennaa akkanaa tana deebi'ee gara keeti hin dhufa; yennaa san Saaraan niitiin teetii ilma hin deetti» jedhe.
13 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa, Abrahaamiin, «Maaf Saaraan, ‹Ani dulloomee gergesheen duuba, ani dhugumaan deyiisa hin dande'aa?› jette. 14 Wonni Mootiin Waan Maraa dadhabu ijjumaayyuu hin jirtii? Bara dhufu yennaa akkanaa tana ani deebi'ee gara keeti hin dhufa; akkuma sitti hime Saaraan yennaa san ilma hin deetti» jedhe.
15 Saaraan guddoo waan sodaatteef, «Ani hin kolline» jettee mormatte.
20 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa, «Iyyannoon worra Sodoomiitii fi Gomora'aa irratti dhikaatte attam attam guddo'o! Cubbuun isaaniille akka malee guddo'o! 21 Ani gad bu'ee wonni isaan hujane martinuu akka iyyannoo gara kiyya dhikaatte sanii te'uu isi'ii hin ilaala» jedhe.
22 Achiin duuba namooti lamaan gara Sodoomii deemiisa ka'ane; Mootiin Waan Maraa ammoo Abrahaam woliin hafe. 23 Yennaa san Abrahaam gara Mootii Waan Maraa dhikaatee, «Ati dhugumaan balchoota dabaaleyyii woliin lafa irraa balleessaartaa? 24 Namooti balchooti shantam qachaa san keessa yoo jiraatane, qachaa duudii hin balleessitaa? Namoota balchoota shantama achi keessa le'anuuf jettee hin lakkittuu? 25 Ati dhugumaan balchoota dabaaleyyii woliin hin ijjeettu; ati tana hin gootu; yoo tana goote namooti balchooti dabaaleyyii woliin hin adabaman; tun ijjumaa hin teetu. Ka biyya lafaa duudi'itti muru, sirri'itti muruu hin qabuu ree?» jedhe.
26 Mootiin Waan Maraa deebisee, «Ani namoota balchoota shantama qachaa Sodoomii keessatti yoo dhagge, ani isaaniif jedhee qachaa san duudii hin fayyisa» jedhe. 27 Abrahaam deebisee, «Ani nama woy hin baane buku'uu fi daadha'a; Goottaa kiyya sodaa malee waan sitti dubbadheef, maganne'ee naaf araaram. 28 Balchoota shantama keessaa shanan hin dhidhatan fa'a; sababa shanan dhidhataneef qachaa duudii hin balleessitaa?» jedhe.
29 Abrahaam ammalle isaan, «Balchoota afurtama qofa achitti yoo dhaggite hoo?» jedhe.
30 Achiin duuba Abrahaam, «Mootii waan maraa, ammalle deebi'ee yoo dubbadhe hin aarin. Balchoota soddoma qofa qachaa san keessatti yoo dhaggite hoo?» jedhe.
31 Abrahaamille, «Mootii waan maraa, sodaa malee waan sitti dubbadheef, maganne'ee naaf araaram. Balchooti diddam qofa achitti yoo dhaggamane hoo?» jedhe.
32 Achiin duuba Abrahaam, «Mootii waan maraa, takkattii tana qofa dubbadha, maganne'ee natti hin aarin. Balchooti kudhan qofa achitti yoo dhaggame hoo?» jedhe.
Languages