5 Achiin duuba Saaraayi Abraamiin, «Tun balleessaa teeti. Anumattuu isii si'iif kenne; isiin ammoo akka ulfootte beettee, na irratti mataa dhaadde. Ati yookiin ani sirrii akka teene, Mootiin Waan Maraa muruu ti» jette.
6 Abraam ammoo Saaraayiin, «Ati giittii hojjattuu teetii ti; akka jaalatte isii godhi» jedhe. Achiin duuba Saaraayi waan isii miicceef, isiille jalaa baqatte.
7 Ergamaan Mootii Waan Maraa goomolee keessatti madda bisaanii biratti Aggaar dhagge; maddi bisaanii sun karaa Shuur geessu gubbaa jiraayyu. 8 Inni, hojjattuu Saaraayii, Aggaariin, «Eessaa dhutte? Eessa dhaqaarta?» jedheen.
9 Ergamaan Mootii Waan Maraalle, isi'iin, «Gara giittii teetii deebi'iitii, isii tajaajili» jedhe. 10 Ergamaan Mootii Waan Maraa itti dabalee, «Ani sanyii teeti hin baceessa; bacinna isaaniitiin ka ka'e, eennulle isaan laakkowee hin dande'u. 11 Ati amma ulfootteerta, ilmalle hin deetta; iyya ati miicantee iyyite Mootiin Waan Maraa waan dhage'eef, maqaa isaalle ‹Ishimaa'el› jetta. 12 Inni akka harree diidaa hin le'a; inni nama mara hin morma; nami martille isa hin morma. Fira ifii mara irraa adda bayee hin le'a» jedhe.
13 Aggaarille, «Ani dhugumaan Mootii Waan Maraa ka na dhaggu dhaggee?» waan jetteef, Mootii Waan Maraa ka isi'itti dubbate san, «El-Ro'i[b]» jettee waante. 14 Tanaaf namooti baleessa Qaadeshii fi Baared wodhakkaa jiru, «Be'er-Lahaayi-Ro'i[c]» jedhanee waamane.
15 Aggaar ilma Abraamiif deette; Abraamille ilma ifii ka Aggaar deette, «Ishimaa'el» jedhee maqaa baase. 16 Aggaar yennaa Ishimaa'el isaaf deette, Abraam nama woggaa saddeettamii jaa ti.
<- Kitaaba Seera Dadaa 15Kitaaba Seera Dadaa 17 ->
Languages