9 «Latti isin qooda addaa gootanee Mootii Waan Maraatiif kennitanu dheerinni isi'ii ciqilee kuma kudhan[a], badhinni isi'ii ciqilee kuma diddama te'uu ti. 10 Tun qooda woyyittii hayyootaa teetuu ti; karaa kaabaatiin dheerinni isaa ciqilee kuma diddamii shan, badhinni isaa karaa aduun seentuun ciqilee kuma kudhan, karaa aduun baatuun ciqilee kuma kudhan, karaa kibbaatiin dheerinni isaa ciqilee kuma diddamii shan te'ee, Galmi Waaqaa wodhakkaa isaatitti hin te'a. 11 Kun hayyoota sanyii Zaadoqii keessaa worra woyyoota yennaa kolbaan Israa'elii karaa irraa gorte Lewwoota worra kaan woliin adoo karaa irraa hin gorin waan ani isaan ajaje eegataneef te'uu ti. 12 Tun qooda lafa woyyitti'ii keessaa, Addee Irra Caalaa Woyyittii, isaaniif kennansa addaa teetee, ta meessaa Lewwootaatitti aantee jirtu. 13 Karaa meessaa hayyootaatiin, Lewwooti qooda lafaa ta dheerinni isi'ii ciqilee kuma diddamii shanii, badhinni isi'ii ciqilee kuma kudhan teete hin qabaatti; wolumatti dheerinni isi'ii ciqilee kuma diddamii shan, badhinni isi'ii ciqilee kuma kudhan hin teeti. 14 Isaan lafa tana irraa gurguruu yookiin jijjiiruu hin qabanu; latti tun lafa mara keessaa irra caalaa dansaa ta teete; Mootii Waan Maraatiif ta woyyoonte waan teeteef, harka nama dhibi'iititti dabarfantee hin kennantu.
15 «Lafa woyyittii tana irraa qoodantee ta hatte ta dheerinni isi'ii ciqilee kuma diddamii shanii, ta badhinni isi'ii ciqilee kuma shanii ta wolumatti kolbaan itti fayyadantu, manaa fi kaloo hori'iitiif hin teeti. Wodhakkaa isi'iititti qachaan hin te'a; 16 mikiin roga cinaa qachaa sanii arfanuu wol qixxee te'ee, karaa kaabaatiin ciqilee kuma afurii fi dhibba shan, karaa kibbaatiin ciqilee kuma afurii fi dhibba shan, karaa aduun baatuun ciqilee kuma afurii fi dhibba shan, karaa aduun seentuun ciqilee kuma afurii fi dhibba shan hin teeti. 17 Latti qacha'aa sun lafa horiin dheedu hin qabaatti: karaa kaabaatiin ciqilee dhibba lamaa fi shantama, karaa kibbaatiin ciqilee dhibba lamaa fi shantama, karaa aduun baatuun ciqilee dhibba lamaa fi shantama, karaa aduun seentulle'een ciqilee dhibba lamaa fi shantama hin teeti. 18 Latti irraa hatte ta addee woyyitti'itti aante, karaa aduun baatuun ciqilee kuma kudhan, karaa aduun seentuun ciqilee kuma kudhan hin teeti; midhaan lafa sanii hojjattoota qacha'aatiif sagalee hin te'a. 19 Hojjattooti qachaa sanii ka gosa Israa'elii mara keessaa dhufane lafa san hin qotatan. 20 Guutumatti latti isin qooda addaa gootane kennitane qooda qacha'aaf kenname dabalattee wolumatti cinaan roga isi'ii arfanuu ciqilee kuma diddamii shan hin teeti.
21 «Lafa qooda woyyicha teete sanii fi lafa addee qacha'aa teete san bitta'aa fi middatti latti hatteertu ta qondaalaa teetuu ti. Tunille lafa qooda woyyicha teete ciqilee kuma diddamii shan irraa ka'ee karaa aduun baatu haga meessaa karaa aduun baatuu, lafa qooda woyyicha teete ciqilee kuma diddamii shan irraa ka'ee karaa aduun seentu haga meessaa karaa aduun seentuu ti. Latti lafa qooda gosa Israa'elii cinaa lamaaniin wol qixxee dheerattu ta qondaalaa hin teeti. Akka kanaan addeen woyyitti'ii fi Galmi Waaqaa wodhakkaa lafa sanii hin te'an. 22 Tanaaf latti qooda Lewwootaatii fi latti qooda qacha'aa lafa qooda qondaalaaf kenname san wodhakkaa hin teeti. Latti qondaalaalle lafa Yihuda'aatii fi lafa Beniyaamii wodhakkaa hin teeti.
28 «Lafa qooda Gaadiititti aanee meessaa karaa kibbaatiin, qachaa Taamaariitii ka'ee haga bisaan Mariibaa-Qaadeshii hin dhaqa; achille'ee laga gogaa[b] Gibxi'ii gula deemaa haga abbaayaa Mediteraaniya'aa dhaqa. 29 Latti isin dhaala gootanee hixaa buusiisaan gosa Israa'eliitiif qooddanu isii tana» jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa.
Languages