9 « ‹Guyyoota jila beekkantee mara kolbaan lafa sanii Mootii Waan Maraa dura yennaa dhufanu, worri karaa karra kaabaatiin seene, karaa karra kibbaatiin bayanuu ti; worri karaa karra kibbaatiin seene, karaa karra kaabaatiin bayanuu ti; eennulle karaa karra seeneetiin hin bayin. Ammoo adoo gara hin galin gara duraa bayuu ti. 10 Yennaa isaan seenanu, qondaalli isaan woliin seenuu ti; yennaa isaan bayanulle inni isaan woliin bayuu ti. 11 Guyyoota jilaatii fi guyyoota jila beekkantee mara kennansi midhaanii ka dardara tokko woliin dhikaatu bullaa eefaa tokko, ka korbeessa hoole'ee tokko wolille'een dhikaatu eefaa tokko te'uu ti; buruusota woliin haguma inni kennuu dande'e, bullaa eefaa tokko tokkoof zayitii litirii sad dhikeessuu ti.
12 « ‹Qondaala fedhii ifiitiin kennansa gubamu yookiin kennansa tokkumma'aa Mootii Waan Maraatiif dhikeessiisa dhufuuf, nami tokko karra fuullee karaa aduun baatuu isaaf banuu ti. Innille akkuma guyyaa sanbataa kennu san kennansa gubamuu fi kennansa tokkumma'aa kennuu ti. Achiin duuba inni bayee deemuu ti; inni deemeen duuba karri cufantuu ti.
13 « ‹Inni guyyuma guyya'aan ganama mara buruusoo korbeessa hoole'ee ka fafa hin qanne ka woggaa tokkoo kennansa gubamuuf ana Mootii Waan Maraatiif hin dhikeessa. 14 Isa woliin kennansa midhaanii ganama mara bullaa eefaa tokko harka jaa keessaa harka tokko, bullaa ittiin sukkuumiisaaf zayitii litirii tokko qopheessuu ti; kunille seera yennaa maraa te'uu ti. 15 Akka kanaan buruusi korbeessa hoole'ee, kennansi midhaaniitii fi zayitiin guyyuma guyya'aan ganama mara kennansa gubamuuf dhikaatanuu ti jedha› jedhiin» jedhe.
21 Achiin duuba nami sun gara badhinna dalleya keessaa ka gara alaa na geessee, roga arfan irra na marsiise. Kunoo, roga badhinna dalleya keessaa san tokko tokkoo isaaniituu irra badhinna dalleya keessaa ka dhibi'itti jiraayyu. 22 Roga badhinna dalleya keessaa san arfanuu irra badhinna dalleya keessaa didiqqaa ka dheerinni isaanii ciqilee afurtamaa, badhinni isaaniille ciqilee soddomaatitti jiraayyu; isaan arfanuu woluma qixa. 23 Cinaa badhinna dalleya keessaa didiqqaa san arfaniituu gara keessaatiin dhaaba dhaka'aatitti naanneffamee jiraayyu; dhaaba dhaka'aa san mara jala addee ibidda itti bobeessanutti jiraayyu. 24 Achiin duuba namichi sun anaan, «Kun marti addee tajaajiltooti Galma Waaqaa ciincaa kolbaan dhikeessitu itti iffeeltu» jedhe.
<- Hizqi'elii Raagichaa 45Hizqi'elii Raagichaa 47 ->- a Kolbaan akka hin miidhanne: Afaan Ibrootaatiin Kolbaa woyyoonsiisaaf jedha.
Languages