7 « ‹Tanaaf, isin tissitooti, jecha Mootii Waan Maraa dhage'a'a! 8 Goottaan Mootiin Waan Maraa: Dhugumaan ani jiraata'a! Hooloti tiyya tissee waan hin qanneef, tissitooti tiyya ifi qofa waan tiffatanuuf, hooloti tiyya ka isaan barbaadu dhabanee bineensaaf sagalee te'ane. 9 Tanaaf, isin tissitoota, jecha Mootii Waan Maraa dhage'a'a! 10 Goottaan Mootiin Waan Maraa: Kunoo, ani tissitoota irratti hin ka'a; hoolota tiyya harka isaanii keessaa hin barbaada; haganaa achi akka isaan hoolota tiyya hin tissine hin godha; tissitootille haganaa achi ifi qofa hin tissanu; ani hoolota tiyya afaan isaanii keessaa hin baasa; haganaa achi isaan sagalee isaanii hin te'anu.
17 « ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Kunoo, ani marroo isin hoolota tiyyaa, hoolotaa fi hoolota wodhakka'atti, korbeeyyii hoole'eetii fi korbeeyyii re'e'ee wodhakka'atti muraa hin kenna. 18 Marra dansaa dheediis isin hin gewuu? Ka hafe miila keessaniin irra sirbuu qaddanii ree? Bisaan qulluu uniis isin hin gewuu? Ka hafe miila keessaniin booressuu qaddanii ree? 19 Hooloti tiyya waan isin miila keessaniin irra sirbitane dheedanee, bisaan isin miila keessaniin booressitane unanii ree?
20 « ‹Tanaaf, Goottaan Mootiin Waan Maraa, isaaniin: Kunoo, aninuu hoolota tiyya ta coonteertuu fi ta huqqatteertu wodhakka'atti muraa hin kenna. 21 Isin hoolota dadhaddeertu haga isaan bittinneessitanutti cinaachaa fi gurmuu teessaniin waan isaan darbitanuuf, gaafa keessanille'een waan isaan woraantanuuf, 22 ani hoolota tiyya hin baasa; haganaa achi isaan hin nyaatamanu; ani hoolotaa fi hoolota wodhakka'atti muraa hin kenna. 23 Ani tissee tokko garbicha kiyya Daawiti isaaniif hin kenna; innille isaan hin tissa; inni isaan bobbaasee tissee isaaniif hin te'a. 24 Ani Mootiin Waan Maraa Waaqa isaanii hin te'a; garbichi kiyya Daawitille isaan oddu'utti qondaala hin te'a; ani Mootiin Waan Maraa tana dubbadheera. 25 Ani Gondooroo nageyaa isaan woliin hin godhadha; akka isaan nageyaan goomolee keessa le'anee, gongomaa keessa ciisanu, bineensota badda'aa lafa isaanii keessaa hin balleessa.
26 « ‹Ani isaan, addee adaala gaara kiyyaalle hin eebbisa; yennaa eegatee bokkeenni akka roobu hin godha; bokkeenni sun bokkeya eebbaa hin te'a. 27 Mukooti badda'aa midhaan ifii hin buusan; lattille midhaan hin kenniti; kolbaalle lafa ifii keessa nageyaan hin leeti. Ani waanjoo isaanii caccassee, harka worra isaan garboonfatee keessaa yennaa isaan baase, isaan akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan. 28 Isaan haganaa achi gosa biyya adda addaatiin hin nyaatamanu; bineensaafille sagalee hin te'anu; wonni isaan sodaachisu tokkolle adoo hin jiraatin nageyaan hin le'an. 29 Haganaa achi akka isaan beelaan hin dhumanne, cooraa gosa biyya adda addaatiin akka isaan hin rakkanne, ani lafa midhaaniin beekkante isaaniif hin kenna. 30 Achiin duuba ani Mootiin Waan Maraa Waaqi isaanii isaan woliin akka jiruu fi kolbaan Israa'elii kolbaa tiyya akka teete isaan hin beekan jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa.
31 « ‹Isin hoolota tiyya, kolbaa Israa'elii ta ani tiffadhu; anille Waaqa keessan› jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa» jedhe.
<- Hizqi'elii Raagichaa 33Hizqi'elii Raagichaa 35 ->
Languages