6 «Ee ilma namaa! Ati aadi; qalbii gad jettee fi gadda hadhowuun isaan duratti aadi. 7 Yennaa isaan, ‹Maaf aadda?› siin jedhane, ati isaaniin, ‹Marroo oduu dhufaartuutiif aada; yennaa wonni kun dhuttu, onneen marti hin baxxi; harki marti hin laashowa; lubbuun marti hin gaggaddi; jilbi marti bisaan hin te'a. Kunoo, wonni kun hin teeti; hin muummottille'e, jedha Mootiin Waan Maraa› jedhiin» jedhe.
8 Ammalle jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, 9 «Ee ilma namaa! Ati raagiitii, ‹Mootiin Waan Maraa: Shallaagaa tokko! Shallaagaa tokko! Ka qaramee morodame; 10 qaliisaaf ka qarame; akka balaqqeetti'ii balaqqisiisaaf ka morodame! Kolbaan tiyya ifi eeggachisiisaa fi adabbii mara waan tuffatteef haganaa achi firinxiixi hin jiraa ree? 11 Shallaagaan harkatti akka qabatamu morodamiisaaf kennameera; shallaagaan kun ka nama ijjeesutti kennamiisaaf qaramee morodame. 12 Ee ilma namaa! Shallaagaan kun kolbaa tiyyaa fi qondaaltota Israa'elii mara waan balleessuuf iyyii wiiccifadhu. Isaan kolbaa tiyya woliin hin ijjeefaman. Tanaaf gaddaan qoma teeti dhowadhu. 13 Dhugumaan haga ilaallatamiis hin dhufa; cubbuu irraa yoo hin deebi'in kun marti isaan irratti hin te'a› jedha Mootiin Waan Maraa.
14 «Ee ilma namaa! Raagi. Harka keeti aari'iin dhowi; shallaagaan nama qalu yennaa lama, yennaa sadille isaan dhowuu ti; shallaagaan nama bacaa qalu gara maraan isaan marseera. 15 Onneen isaanii baxxee, hedduun isaanii akka gufatanu, karra isaanii mara duratti ani shallaagaa nama qalu isaan dura keyeera; kunoo, shallaagaan akka balaqqisuuf morodameera; ittiin qaliisaafille buqqifameera. 16 Ee, shallaaga'a! Gara middaatititti, gara bita'aalle'etti, garuma qarri keeti itti fuula galetti muri. 17 Anille harka kiyya aari'iin hin dhowa; aarii tiyyalle hin baafadha; ani Mootiin Waan Maraa tana dubbadheera» jedhe.
25 « ‹Atille ee qondaala Israa'elii batticha hamaalessa! Guyyaan muumme'ee ka ati adabantu dhufeera. 26 Goottaan Mootiin Waan Maraa: Marata mata'aa ifi irraa hiikadhu! Kallachalle ifi irraa baafadhu! Wonni akka amma jirutti hafu hin jiru. Worri gad qabame ol qabama; worri ol qabame gad qabama. 27 Badii, badii, badii ani Yerusaalemitti hin fida. Haga abbaan mura'aa ka ani Yerusaalem akka balleessu itti kennu sun dhufutti badiin tun hin teetu; ani Yerusaalem isatti hin kenna› jedha.
29 « ‹Isaan mudhii dharaa si mootii Baabiloniitiif dhaggane; moruu sobaa si mootii Baabiloniitiif morane; morma worra batticha hamaaleyyi'ii ka guyyaan isaanitti muramu geyee, ka muummeen yennaan isaanii geette irra shallaagaan keeti hin keyama.
30 « ‹Ati shallaagaa gonofa'atti deebisi! Ani addee ati itti dadantetti, biyya itti dhalattetti sitti hin mura. 31 Ani aarii tiyya ta akka bobe'a ibiddaa si irratti hin dhangalaasa; harka worra nama balleessiisaan beekkametti dabarsee si hin kenna. 32 Ati ibiddaan hin badda; dhiigi keeti biyyuma teeti keessatti hin dhangala'a; ani Mootiin Waan Maraa tana waan dubbadheef, haganaa achi nami deebi'ee si qaabatu hin jiru› jedha Mootiin Waan Maraa» jedhe.
<- Hizqi'elii Raagichaa 20Hizqi'elii Raagichaa 22 ->- a Moora: Worri Baabilonii tiruu ilaallatan.
Languages