7 « ‹Ammalle risaan guddaan dhibiin ka koola gugurda'aa fi baala bacaa qabu dhufe; kunoo, muki woyni'ii sun akka inni bisaan isa obaasuuf, addee itti dhaabame sanii dameele'ee fi hidda ifii gara risaa sanii diriirfate. 8 Muki woyni'ii sun dameelee hedduu baasee midhaan akka buusu, muka woyni'ii dansaalle akka te'uuf, lafa dansaa irratti addee bisaan guddaan jiru biratti dhaabbameeraayyu› jedha.
9 «Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Muki woyni'ii kun hin oshobaa ree? Hiddi isaa buqqifamee, midhaan isaa irraa harcaafamee, dameeleen isaalle akka goggoganu hin godhamuu ree? Dameeleen isaalle hin goggogan; hidda isaalle buqqisiisaaf, irree jadduu yookiin nama hedduu hin barbaachisu. 10 Kunoo, addee tana irraa buqqifamee addee dhibi'itti yoo dhaabame hin oshobaa ree? Qilleensi o'aan karaa aduun baatuu yennaa isa dhowe, addee itti oshobe sanitti ijjumaa hin qooruu ree?› jedha» jedhe.
16 «Ani jiraataa, Goottaa Mootii Waan Maraa ti! Mootiin Yihuda'aa kun biyya Baabilonii biyya mooticha isa mootonsetti, kakuu isaa san tuffatee, gondooroo isa woliin godhate waan diigeef, inni biyya baabilonii keessatti hin du'a. 17 Worri Baabilonii namoota bacaa ijjeesiisaaf kaabii dalleya dhaka'aatitti marsanee yennaa ijaaranu, mootiin Gibxi'ii loltoota ifii guddo'oo fi kolbaa bindillaa ifii woliin dhufee loliisaan isa qarqaaruu hin dande'u. 18 Inni kakuu san tuffatee, gondooroo san diigeera. Kunoo, inni wolii galtee san diigee waan kana mara waan godheef, adabbii jalaa miliquu hin dande'u. 19 Tanaaf, ani jiraataa, Goottaa Mootii Waan Maraa ti! Kakuu tiyya ta inni tuffatee fi gondooroo tiyya ta inni diige san mataa isaatitti hin deebisa. 20 Ani caccoo tiyya isa gubbaa diriirsee, inni tiyyoo tiyyaan hin qabama; waan naaf addatamuu dhabeef gara baabilonii isa geessee, achitti itti hin mura. 21 Loltooti isaa worri beekkamane ka baqatiisatti jiranu marti shallaaga'aan hin ijjeefaman; worri jiru'uun hafelle gara mara hin bittinnowan; yennaa san akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beettan; ani tana dubbadheera» jedhe.
22 Goottaan Mootiin Waan Maraa, «Ani ifuma kiyyaan qaccee hindheensa dheera'aa san irraa quunxoo kutee hin dhaaba; quunxoo san keessaa kichuu tokkocha fuudhee, ifuma kiyyaan gaara ol aanaa dheeraa irratti hin dhaaba. 23 Ani gaara Israa'elii ol aanaa irratti isa hin dhaaba; inni achitti dameelee bacaa baasee, midhaanille buusee, hindheensa guddaa dansaa hin te'a. Sinbirreen gosa adda addaa marti isa jala hin leeti; gaaddisa dameelee isaa keessalle'etti mana hin ijaarratti. 24 Yennaa san muki badda'aa marti akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan; ani muka dhedheeraa hin gaggabaassa; muka gaggabaabaa hin dhedheeressa; muka bibbisilee hin goggossa; muka goggogaa bisilee hin tolcha; ani Mootiin Waan Maraa dubbadheeraa, waan dubbadhe kana hin tolcha» jedhe.
<- Hizqi'elii Raagichaa 16Hizqi'elii Raagichaa 18 ->
Languages