1 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Waan ani mooticha Gibxi'ii godhu ati amma hin dhaggita. Ani irree tiyya jaddu'uun akka inni kolbaan tiyya gad lakkisu hin tolcha. Dhugumaan, ani irree tiyya jaddu'uun akka inni biyya ifii keessaa isaan oofu isa hin tolcha» jedhe.
6 «Tanaaf ati Israa'elootaan, ‹Mootiin Waan Maraa: Ani Mootii Waan Maraa ti; ani garbummaa Gibxi'ii jalaa isin baasee isin hin bilisoonsa. Irree tiyya ol kaasee, adabbii gugurdoo isaanitti fidee, isin hin woda 7 Ani kolbaa tiyya isin tolfadhee, Waaqa keessan isiniif hin te'a. Yennaa ani garbummaa Gibxi'ii jalaa isin bilisa baase ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan akka te'e hin beettan. 8 Lafa Abrahaamiif, Yisihaqii fi Yaaqoobiif kenniisaaf waadaa gale sanitti akka isin galtanu godhee, isiniif hin kenna. Ani Mootii Waan Maraa ti jedha› jedhiin» jedhe. 9 Muuseelle waan kana Israa'elootatti hime; garbummaan hantuun addii waan isaan kutachiitteef, isaan ammoo isa hin caqanne.
10 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, 11 «Gara mooticha Gibxi'ii dhaqiitii, Israa'elooti lafa isaa keessaa akka bayanu akka inni isaan gad lakkisu itti himi» jedhe.
12 Muuseen ammoo deebisee, «Kunoo, Israa'elootinuu na hin dhageenne; mootichi fa'a ana nama akka dansaa dubbatiisa hin beenne attam dhage'uu dande'a ree?» jedhe.
13 Mootiin Waan Maraa Muuse'ee fi Aaronitti dubbatee, Israa'eloota biyya Gibxi'ii keessaa baasiisaaf, dhaqanee Israa'eloota fi mooticha Gibxi'iititti akka himanu isaan ajaje.
16 Lewwiin ilmaan sad: Gershoon, Qehaatii fi Meraari qaba. Isaan abbootii sanyii Lewwootaa ti. Lewwiin woggaa dhibbaa fi soddomii torba le'e. 17 Gershoon ilmaa lama: Liibnii fi Shime'i qaba.
18 Qehaat ilmaan afur: Amraam, Yizhaar, Hebroon fi Uzii'el qaba. Qehaat woggaa dhibbaa fi soddomii sad le'e.
19 Meraar ilmaa lama: Maahilii fi Mushi qaba. Isaan abbootii sanyii fira Lewwi'ii ti.
20 Amraam obboleettii abbaa ifii Yokebeed fuudhe. Isiin Aaron fi Muusee isaaf deette. Amraam woggaa dhibbaa fi soddomii torba le'e.
21 Yizhaar ilmaa sad: Qoraahi, Nefegii fi Ziikri qaba.
22 Uzii'el ilmaa sad: Miishaa'el, Elzaafaanii fi Siitri qaba.
23 Aaron intala Aminaadaabii, obboleettii Nahasoonii Elishebaa fuudhe. Isiille Naadaab, Abiihuu, Ele'azaarii fi Itaamaar deetteef. 24 Qoraahi ilmaan sad: Asiir, Elqaana'aa fi Abii'aasaaf qaba. Isaan abbootii sanyii Qoraahii ti.
25 Ilmi Aaronii Ele'azaar, durra Futii'elii keessaa takkattii fuudhe; isiin Fiinehaas isaaf deette. Isaan kun sooreyyii abbootii sanyii Lewwi'ii ti.
26 Muuse'ee fi Aaron worra Mootiin Waan Maraa, «Gosa Israa'elii akka fira fira isaaniititti biyya Gibxi'ii keessaa baasa'a!» jedhee itti dubbate.
27 Akka inni Israa'eloota gad lakkisuuf mooticha Gibxi'iititti worri dubbate isaanuma kana.
Languages