6 «Addee ciinca'aa ta kennansa gubamuu seensuma Dunkaanii Woyyitti'ii, Dunkaanii Woldeenna'aa san dura keyi; 7 qorii itti dhiqatanu Dunkaanii Woldeenna'aatii fi addee ciinca'aa wodhakkaa keyiitii, bisaan itti naqi. 8 Badhinna dalleya keessaa ka Dunkaanii Woyyitti'ii keessaatitti naannessiitii dalleya itti ijaari; seensuma badhinna dalleya Dunkaanii Woyyitti'ii keessaa sanitti gollaa keyi.
9 «Zayitii muudaa fuudhiitii Dunkaanii Woyyitti'ii fi waan isii keessa jiru mara muudi; isi'ii fi waan isii keessa jiru mara woyyoonsi; isiille woyyuu hin teeti. 10 Achiin duuba addee ciinca'aa ta kennansa gubamuu fi meya isi'ii mara muudi; addee ciinca'aa san woyyoonsi; isiille woyyuu hin teeti. 11 Qorii itti dhiqatanuu fi shafee isi'iille muudiitii woyyoonsi.
12 «Aaronii fi ilmaan isaa gara seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa san fidiitii bisaaniin dhiqi. 13 Achiin duuba woyaa woyyittii Aaronitti uffisi; isa muudiitii akka inni hayyuu te'ee na tajaajilu woyyoonsi. 14 Ilmaan isaa fidiitii qoloo haga miilaa dheerattu itti uffisi. 15 Isaan hayyoota te'anee akka na tajaajilanu, akkuma abbaa isaanii muudde isaanille muudi; muudam isaanii kun dhaloota dhufu mara keessatti hayyummaa bara baraa te'ee hin jiraata» jedhe.
16 Muuseen waan mara akkuma Mootiin Waan Maraa isa ajajetti huje. 17 Maarre Dunkaaniin Woyyittiin woggaa lammeesso'oo keessaa ji'a tokkeesso'oo guyyaa qaraa dhaabbatte. 18 Muuseen Dunkaanii Woyyittii san yennaa dhaabe, shafeelee isi'ii addee addee isi'iititti keyee, mikikkiloota isi'ii irratti dhaabe; danqaroota isi'ii keessa galchee, utuboota isi'iille dhaabe. 19 Achiin duuba inni akkuma Mootiin Waan Maraa isa ajajetti gollaa Dunkaanii Woyyittii irra diriirse. 20 Inni dhakaa baxxicha lamaan ajaji irratti barreeffameeru san fuudhee Saanduqa Gondooro'oo keessa keye; danqaroota qubeelee Saanduqa Gondooro'oo keessa galchee, qadaaddaa addee gumaan araara cubbu'uu irra keyamu irra keye. 21 Achiin duuba akkuma Mootiin Waan Maraa isa ajajetti Saanduqa Gondooro'oo Dunkaanii Woyyittii keessa galchee, gollaa ittiin gollu fannisee, Saanduqa Gondooro'oo ta dhakaan baxxichi lama ka ajaji kudhan irratti barreeffameeru keessa jiru san golle.
22 Muuseen xarapheessaa san Dunkaanii Woyyittii san gara kaabaatiin, golla'aan ala, Dunkaanii Woldeenna'aa san keessa keye. 23 Akkuma Mootiin Waan Maraa isa ajajetti fuula Mootii Waan Maraa duratti daabboo irra keye. 24 Inni waan issaa irra keyanu Dunkaanii Woldeenna'aa keessa fuullee xarapheessa'aa Dunkaanii Woyyittii gara kibbaatiin keyee, 25 akkuma Mootiin Waan Maraa isa ajajetti issaa fuula Mootii Waan Maraa dura keye.
26 Muuseen addee ciinca'aa ta worqii irraa hujante san Dunkaanii Woldeenna'aa keessa gollaa fuula dura keyee, 27 akkuma Mootiin Waan Maraa isa ajajetti hixaana foolee dansa'aa irratti aarse. 28 Achiin duuba inni seensuma Dunkaanii Woyyitti'iititti gollaa hidhe.
29 Inni addee ciinca'aa ta kennansa gubamuu seensuma Dunkaanii Woyyitti'ii, Dunkaanii Woldeenna'aa san biratti qopheessee, akkuma Mootiin Waan Maraa isa ajajetti kennansa gubamuu fi kennansa midhaanii achi irratti dhikeesse.
30 Inni qorii itti dhiqatanu wodhakkaa Dunkaanii Woldeenna'aatii fi addee ciinca'aa keyee, akka dhiqatanuuf bisaan itti naqee, 31 Muuseen, Aaronii fi ilmaan isaa harka fi miila ifii itti dhiqatane. 32 Akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajajetti, isaan yennaa Dunkaanii Woldeenna'aa seenanu yookiin yennaa addee ciinca'aatitti dhikaatanu mara hin dhiqatan.
33 Achiin duuba Muuseen badhinna dalleya keessaa ka Dunkaanii Woyyitti'iitii fi addee ciinca'aatitti naannessee dalleya ijaaree, seensuma badhinna dalleya keessaa ka Dunkaanii Woyyitti'ii keessaatitti gollaa hidhe; maarre akka kanaan Muuseen hujii fixe.
Languages