1 «Maarre, Bazaali'elii fi Aholiiyaab, nami ogummaa qabu, ka Mootiin Waan Maraa hujii addee woyyitti'ii mara attam akka jalqabu akka beekuuf, ogumma'aa fi dandeettii kenneef marti, akkuma Mootiin Waan Maraa ajajetti worra huji huju» jedhe.
6 Achiin duuba Muuseen, «Nami tokkolle dhiirti yookiin dubartiin kennansa addee Woyyitti'ii dabalanee waan tokkolle hin kennin» jedhanee addee quttumaa keessa guutumatti akka lassanu ajaje. Maarre kolbaan kennansa akka hin finne dhooggane. 7 Sababille kennansi qara fidaneeyyuu hujii hujantu mara geyee irraa hin hafa.
20 Isaan mikikkiloota Dunkaanii Woyyittii ittiin ol dhaabbachiisanu muka gololchaa irraa hujane. 21 Dheerinni mikikkiloota sanii ciqilee kudhan, badhinni isaanii ciqilee tokkoo fi wodhakka'a. 22 Mikikkilooti Dunkaanii Woyyitti'ii sun akka wol keessa seenanu qaccee irratti gaafa lama ka cinaa wolii jiru hujane; isaan akka kanaan mikikkiloota Dunkaanii Woyyitti'ii mara hujane. 23 Isaan Dunkaanii Woyyittii cinaa gara kibbaatiif mikikkiloota diddama hujane. 24 Mikikkiloota diddama saniifille shafee meetii irraa hujante afurtama hujane; gaafoti lama ka mikikkila tokkoo akka keessa seenanuuf shafee lama lama hujane. 25 Isaan Dunkaanii Woyyittii san cinaa gara kaabaatiif mikikkiloota diddama hujane. 26 Mikikkiloota diddama saniifille, shafee meetii irraa hujante afurtama hujanee, mikikkila tokko tokko jala shafee lama lama keyane. 27 Isaan Dunkaanii Woyyittii cinaa gara aduun seentuutiif mikikkila jaa hujane. 28 Roga Dunkaanii Woyyitti'ii ka irga irgaatiifille mikikkila lama lama hujane. 29 Roga lamaan kana irratti mikikkilooti kun jalaa haga gubba'aatitti lama lama te'anee, qubee takkattii keessa seenan. Gara lamaaniinuu akkasuma te'an. 30 Maarre mikikkiloota saddeetii fi shafee meetii irraa hujante kudhanii jaatti achi jiraayyu; mikikkila tokko tokkoofuu shafee lama lamatti itti keyame.
31 Isaan ammalle muka gololchaa irraa danqaraa shanan mikikkiloota cinaa gara tokkootiif, 32 shanan mikikkiloota cinaa gara kaaniitiif, shanan hafane mikikkiloota gara seensa adu'uu jiranuuf hujane. 33 Isaan danqaraa wodhakka'aa, ka mikikkiloota wodhakkaa cinaa kaan irraa haga cinaa gara kaaniititti fulla'u hujane. 34 Isaan mikikkiloota san worqii itti gonfanee, danqarooti sun akka keessa seenanu qubeelee worqi'ii hujane; danqaroota sanille worqii itti gonfane.
35 Isaan liilana quncee talba'aa dansaa, ka bifa cuquliisaa, ka bifa dhiille'ee fi diimaa irraa wolitti fowamee dhowameen gollaa nami hujii harkaa beeku, fakkii dada ol-gubba'aa ta koola qadduu irratti hodhe hujane. 36 Isaan gollaa saniif utuboota muka gololchaa afur hujanee worqii itti gonfane; utuboota saniif hookkoo worqi'ii afur itti hujanee, meetii baqisiifame irralle'ee shafee afur itti hujane. 37 Isaan seensuma Dunkaanii Woyyitti'iitiif, liilana quncee talba'aa dansaa, ka bifa cuquliisaa, ka bifa dhiille'ee fi diimaa irraa fowamee dhowameen nama hujii harkaa beekuun gollaa hujane. 38 Isaan gollaa saniif utubaa hookkoo qabanu shan hujane; guutuu utuboota saniitii fi qubeelee isaanii worqii itti gonfane; utuboota saniifille shafee shan sageettuu irraa hujane.
<- Kitaaba Seera Bayiisaa 35Kitaaba Seera Bayiisaa 37 ->
Languages