3 Kolbaan ammoo akka malee dheebottee, «Nuuti, ijoolleen teennaa fi horiin keenna dheebu'uun akka dhumannuuf ati biyya Gibxi'ii keessaa nu baattee?» jedhanee Muuse'een wol dhabane. 4 Achiin duuba Muuseen, «Ani kolbaa tana maan godha? Kunoo isaan dhaka'aan na tumiisaaf qopheeffataneeran» jedhee, gara Mootii Waan Maraa iyye.
5 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Sooressitoota kolbaa Israa'elii keessaa garii fudhadhuutii, ulee teeti ta laga Nayiliitiin dhoottelle qabadhuutii, kolba'aan dura deemi. 6 Anille gaara Siina'aatitti rassaa irra si dura hin dhaabbadha; ati rassaa san hin dhootta; akka kolbaan untuuf, bisaan rassaa san keessaa hin burqa» jedhe. Muuseelle sooressitoota Israa'elii duratti akkasuma godhe.
7 Israa'elooti, «Mootiin Waan Maraa nu woliin jira moo hin jiru?» jedhanee, moromaa waan kaasaneef, Muuseen maqaa addee sanii, «Mariibaa»[a] jedhee moggaase; Mootii Waan Maraalle haga waan ilaalaneef, inni maqaa addee sanii, «Maasaa»[b] jedhee moggaase.
14 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Yennaa maraaf qaabbii akka teetu dabarsii injifannoo tanaa kitaaba maramaa kana irratti barreessi. Anille Amaaleqoota ijjumaa lafa irraa akka balleessu Iyaasu'utti himi» jedhe. 15 Muuseen addee ciinca'aa ijaaree, «Mootiin Waan Maraa baandiraa kiyya» jedhee moggaase. 16 Itti dabaleelle, «Harki kiyya gara barcumaa mootumma'aa ka Mootii Waan Maraa waan diriirfameeruuf, Mootiin Waan Maraa dhalootaa haga dhalootaatitti Amaaleqoota hin lola» jedhe.
<- Kitaaba Seera Bayiisaa 16Kitaaba Seera Bayiisaa 18 ->
Languages