5 Maarre Yihudooti diinota ifii mara shallaaga'aan ijjeesanee fixane; isaan worra isaan jibbu irratti waan fedhane godhane. 6 Qachaa Suusaa keessatti Yihudooti namoota dhibba shan ijjeesanee fixane. 7 Ammalle, Phaarshandaataa, Daalfon, Asfaataa, 8 Phoraataa, Adaaliyaa, Ariidaataa, 9 Paarmashitaa, Ariisayi, Ariidayii fi Wayzaataa, 10 ilmaan kudhan ta Haamaanii ilma Hamedaata'aa ka diina Yihudootaa te'ee ijjeesane. Karra isaanii ammoo hin saanne.
11 Laakkossi namoota qachaa Suusaa keessatti ijjeefamanee guyyuma san mootichatti himame. 12 Mootichi giittittii Asteeriin, «Yihudooti qachaa Suusaa keessatti, namoota dhibba shanii fi ilmaan Haamaanii kudhan ijjeesane; kutaa biyya tiyyaa ka hafane keessatti maan godhaneeran laati? Amma wonni ati gaafattu maan? Si'iif hin kennama; wonni ati barbaaddu maan? Si'iif hin kennama!» jedhe.
13 Asteer deebittee, «Mootii kiyya, yoo si gammachiitte, Yihudooti qachaa Susaan keessa jiranu, waan adha godhane, borulle akka godhanu eeyyamamuufii! Reeffi ilmaan Haamaanii kudhanille muka nama itti fannisanu irratti fannifamuu ti» jettee gaafatte.
14 Maarre mootichi kun akka godhamu ajaje; lassiin qachaa Suusaa keessatti laffantee, reeffi ilmaan Haamaanii kudhanii muka nama itti fannisanu irratti fannifame. 15 Yihudooti qachaa Suusaa keessa le'anu, ji'a «Adaar» jedhamu guyyaa kudhanii arfeesso'ootitti, wolitti qabamanee, qachaa Suusaa keessatti namoota dhibba sadii ijjeesane; karra isaanii ammoo hin saanne.
16 Yihudooti dhibiin worri kutaa biyyaa keessa le'anulle, diinota ifii ifi irraa dhooggatiisaaf, diinota ifii jalalle'ee bayiisaaf wolitti qabamane. Worra isaan jibbu keessaa namoota kuma torbaatamii shan ijjeesane; Karra isaanii ammoo hin saanne. 17 Kun ji'a «Adaar» jedhamu guyyaa kudhanii sadeesso'ootitti te'e; guyyaa kudhanii arfeesso'oo foorfatanee, guyyaa jilaatii fi gammadaa godhatane.
18 Yihudooti qachaa Suusaa keessa le'anu ammoo, guyyaa kudhanii sadeesso'ootii fi kudhanii arfeesso'oo wolitti qabamane; achiin duuba guyyaa kudhanii shaneesso'oo foorfatanee guyyaa jilaatii fi gammadaa godhatane. 19 Sababa kanaaf Yihudooti ollaa baadiyya'aa keessa le'anu, ji'a «Adaar» jedhamu guyyaa kudhanii arfeesso'oo, guyyaa jilaatii fi gammadaa, guyyaa itti kennansa woliif kennanu godhatan.
24 Diinni Yihudoota maraa, sanyiin Haagaagii, ilmi Hamendaata'aa Haamaan hixaa, «Furiim» jedhamu buufatiisaan Yihudoota mara balleessiisaaf mala dhoweeraayyu. 25 Mootichi mala hamaa kana yennaa beeke, malli Haamaan Yihudoota irratti male sun isuma irratti akka deebi'u, innii fi ilmaan isaa muka nama itti fannisanu irratti akka fannifamanu ajaja barreeffamaa baase. 26 Tanaaf guyyoota kana jecha, «Fur» jedhamu irraa, «Furiim» jedhanee baasane; sababa waan xalayaa kana irratti barreeffame maraatiif, sababa waan dhagganeetii fi waan isaan irra dhaqqabe maraatiif, 27 Yihudooti ifii fi sanyii ifiitiif, worra Yihudi'itti galane maraafille, akka barreeffama kanaatitti guyyoota lamaan kana wogguma wogga'aan yennaa isaa eeganee akka jilifatanuuf seera baafatane. 28 Guyyooti «Furiim» jedhamanu kun dhaloota mara keessatti, maatii mara keessatti, kutaa biyyaa mara keessatti, qachoota mara keessatti qaabatamu'uu fi jilifamuu qaban; guyyooti kun adoo hin qaabatamin hin hafanu; dhaloota mara oddu'utti yennaa mara jilifamuu qaban.
29 Maarre Asteeriin giittittiin, intalti Abiihaayilii, Mordekaayii Yihudicha woliin xalayaa lammeesso'oo, ka marroo Furiimii kana jabeessiisaaf baallii guutu'uun barreessane. 30 Mordekaayi Yihudoota kutaa biyyaa dhibbaa fi diddamii torba keessa jiranu maraaf, xalayaa nageyaa fi qabbana isaaniif halchu ergee, 31 «Akkuma guyyooti laamaatii fi gaddaa eegatamane, nuuti Yihudootii fi sanyiin teenna guyyoota Furiimii akka eegannee jilifannu hundeessiisaaf, tana barreesse. Waan kana irratti ani Mordekaayiin Yihudichii fi Asteeriin giittittiin wolii galleerra» jedhe. 32 Ajaji Asteerii seerata marroo guyyoota Furiimiitiif baye jabeesse; kunille galmee keessatti barreeffame.
<- Kitaaba Asteerii 8Kitaaba Asteerii 10 ->
Languages