1 Maarre mootichii fi Haamaan gara areertii giittittiin Asteer qopheessitee dhaqane. 2 Guyyaa lammeesso'oo daadhii woyni'ii uniisatti adoo jiranuu mootichi ammalle, «Giittittii Asteer, wonni ati gaafattu maan? Si'iif hin kennama; wonni ati barbaaddu maan? Haga gamisa mootummaa tiyyaalle teetu si'iif hin kennanti» jedhe.
3 Giittittiin Asteer deebittee, «Mooticha kiyya, si duratti fudhatama dhaggadhee, ka si gammachiisu yoo te'e, akka ani hin duune na hamburi, wonni gaafadhu tana; kolbaa tiyyalle hamburi, wonni ani barbaadu tana. 4 Anii fi kolbaan tiyya badiisaaf, ijjeefamiisaa fi muxuqi jedhiisaaf gurguranneera; nuuti dhiiraa fi dubartiin garba te'iisaaf adoo gurgurannee jiraanne, tun mooticha rakkisuu waan hin geenneef ani silaa hin cadhisaayyu» jette.
5 Achiin duuba mootichi Ahashiweros, «Nami tana godhiisaaf game eennu? Nami kun eessa jira?» jedhee giittittii Asteer gaafate.
6 Asteer deebittee, «Nyaaphi keennaa fi diinni keenna Haamaanii nama hamaa kana!» jette.
Achiin duuba Haamaan mootichaa fi giittittii duratti bararaqe. 7 Mootichi aari'iin ol ka'ee, daadhii woyni'ii lakkisee gad bayee, gara oorruu mana mootumma'aa dhaqe. Haamaan ammoo akka mootichi isa ijjeesiisaaf murteeffate beekee, du'a irraa ifi hamburiisaaf, Asteer kadhatiisaaf duubatti hafe. 8 Mootichi oorruu mana mootumma'aatii gara mana areerti'ii yennaa deebi'e, Haamaan taqee giittittiin Asteer irra irkattu irratti jigeeraayyu; mootichi, «Namichi kun mana keessatti, adduma ani jirutti giittittii Asteer woliin hunnaan rafiisa fedhaa?» jedhe.
Akkuma mootichi tana dubbateen, tajaajiltooti fuula Haama'aa gollane[a]9 Achiin duuba guneessota keessaa «Harbonaa» ka jedhamu, «Kunoo, muki nama itti fannisanu ka dheerinni isaa ciqilee shantamaa mana Haamaanii bira jira; Haamaan muka kana Mordekaayii si mooticha du'a irraa hamburiisaaf dubbate itti fannisiisaaf qopheesse» jedhe.
Mootichille, «Haamaan muka san irratti fannisa'a» jedhee ajaje.