7 Ahashiweros mootii te'ee woggaa kudhanii lammeesso'ootitti, ji'a tokkeesso'oo ka «Niisaan» jedhamu keessa [guyya'aa fi ji'a gargar baasanee beekiisaaf] Haamaan duratti hixaa «Puuriim» jedhamu buusane; hixaalle ji'a kudhanii lammeesso'oo ka «Adaar» jedhamu irra bu'e.
8 Achiin duuba Haamaan mooticha Ahashiwerosiin, «Kolbaa Kutaa biyya mootummaa teetii mara odduu kolbaan bittinnoottee leetu takka jirti; seerri isaanii seeraa kolbaa dhibi'ii mara irraa adda; seera mootichaatiifille hin ajajamanu; tanaaf kolbaa tana cadhisanee ilaaluun mootichaaf hin toltu. 9 Dubbiin tun si mooticha yoo gammachiitte, isaan balleessiisaaf lassiin baatuu ti; akka isaan mana meyaa keeti keessa keyanu, anille namoota itti gaafatantoota mana meyaatitti meetii kiiloogiraama kuma dhibba sadii fi afurtamaa hin kenna» jedhe.
10 Maarre mootichi qubee chaappa'aa quba ifii irraa baasee, ilma Hamedaata'aa, Haamaanii sanyii Agaagii ka diina Yihudootaa te'e sanitti kenne. 11 Mootichi Hamaaniin, «Meetiin si'iifuu hattuu ti; kolbaalle teetuma, waan feete godhadhu» jedhe.
12 Achiin duuba ji'a tokkeesso'oo, gaafa guyyaa kudhanii sadeesso'oo, barreessitooti mootichaa waamamane; isaan ajaja Haamaanii mara kutaa biyyaa tokko tokkootiifuu akka isaan itti barreeffatanutti[b], afaan isaaniitiin bulchitoota biyyoota mooticha jala jirtuutiif, bulchitoota kutaa biyyaa ta adda addaatii fi qondaaltota kolbaa adda addaatiif maqaa mooticha Ahashwerosiitiin barreessanee chaappaa qubee quba mootichaatiin dhowane. 13 Ajaji barreeffamaa namoota rukke'een geessanutti kennamee, ji'a kudhanii lammeesso'oo ka «Adaar» jedhamu keessa guyyaa kudhanii sadeesso'oo, dargaggoota, jaarsolee, dubartootaa fi ijoollee Yihudootaa mara guyyaa tokkocha akka balleessanu, akka ijjeesanuu fi ijjumaa akka haxowanu, qabeenna isaaniille akka saamanuuf gara kutaa biyya mootichaa maratti ergame. 14 Kolbaan marti guyyaa saniif akka qophoottuuf, barreeffam ajaja san irraa garagalfamee gosa kutaa biyyaa keessa jiranu maratti beessifame. 15 Ergantooti ajaja mootichaatiin ariifatanee bayane; ajaji sun qachaa Suusaa ka dalleya dhaka'aa qabu keessatti maxxanfame. Mootichii fi Haamaan uniisaaf tee'ane; worri qachaa Suusaa ammoo raafame.
<- Kitaaba Asteerii 2Kitaaba Asteerii 4 ->
Languages