1 Nami akka nama qaro'oo hiikkaa woyii beeku eennu? Qarummaan fuula namaa ifaallessa gooti; nyaara namaalle hin jijjiirti.
14 Wonni dhibiin bu'aa hin qanne takka lafa irra jirti: waan nama balcha'aaf te'u nami hamaan, waan nama hama'aaf te'u nami balchaan fudhata; tunille waan bu'aa hin qanne. 15 Nami biyya lafaa irra le'u nyaatee, unee, gammadiisa caalaa wonni tokkolle waan hin jirreef, maarre ani gammadiis dansaa akka te'e murteesse; tanaaf, nami bara Waaqi biyyaa lafaa irratti jiruu isaaf kenne mara hujii ifiititti hin gammada. 16 Ani qarummaa beekiisaaf, eloo namaa ta lafa irratti halkanii fi guyyaa ilti isaa hirriiba hin qanne hubatiisaaf, qalbii tiyyaan yennaa qorqoru, 17 waan Waaqi huje mara dhagge; waan biyya lafaa irratti godhamu eennulle beekuu hin dande'u; nami qorqoriisaaf guddoo wodhaanulle hiikkaa dhaggiisaaf hin dande'u; nami qaroon, «Hin beeka» yoo jedhelle, ijjumaa hubatuu hin dande'u.
<- Kitaaba Lallabaa 7Kitaaba Lallabaa 9 ->- a Nami nama miidhiisaaf: Ka jedhu kun ifi miidhiisaaf jedhameelle hiikamuu hin dande'ama.
Languages