9 Wonni latti baachu ta nama maraa ti; mootichinuu fichaa irraa fayyadama.
10 Nami beesee jaalatu ijjumaa beesee hin quufu; nami durummaa jaalatulle ijjumaa bu'aa hin quufu; tunille bu'aa hin qaddu. 11 Karri yennaa bacattu, worri nyaatulle hin bacatan. Ka horate ila ifiitiin ilaaliisa malee, maan bu'aa isaaf qaba? 12 Hojjataan diqqoo yookiin guddoo nyaatulle hirriiba dansaa rafa; bacinni karra dureessaa ammoo hirriiba isa dhooggiti.
13 Wonni hantuun ani biyya lafaa irratti dhagge takka, karra abbaa horate miidhiisaaf tuulantu, 14 yookiin karra dedhuma baddu; inni yennaa ilma uumatu, harka ifii duwwaa hafa. 15 Nami qullaa ifii gadaamessa haadha ifii keessaa dhalata; akkuma dhalate san deebi'ee hin deema; waan itti elowe keessaa tokkolle harkatti qabatee hin deemu. 16 Tunille waan hantuu akka malee nama gaddisiittu; nami akkuma dhalate san deebi'ee hin deema; wonni itti elowe sun akka waan qilleensi fudhatee eega teete, inni bu'aa maan dhaggata ree? 17 Inni bara jiruu ifii mara gadda gudda'aan, dhibe'ee fi aari'iin dukkana keessa le'a.
18 Tun hiree isaa waan teeteef, nami bara jiruu ifii diqqoo Waaqi biyya lafaa irratti isaaf kenne tana keessatti nyaataa, unaa, waan itti elowe maratti gammadiis waan dansa'aa fi waan isaaf maltee akka teete hubadhe. 19 Waaqi karraa fi qabeenna namaaf kennee, akka nami hiree ifii fudhatee, waan itti elowetti gammadu, tun kennansa Waaqaa ti. 20 Waaqi gammada gadha'aa namaaf waan kennuuf, nami marroo bara jiruu ifiitiif hin yaaddowu.
<- Kitaaba Lallabaa 4Kitaaba Lallabaa 6 ->
Languages