3 Duumensa keessa bisaan yoo guute, bokkeenni lafa irratti rooba. Muki gara kibbaa yookiin gara kaabaa yoo jige, adduma itti jige san hin irkata. 4 Nami yennaa mara qilleensa dansaa eegatu hin facaafatu; nami yennaa mara duumensa ilaalu hin haammatu. 5 Qilleensi eessa akka deemu yookiin jiruun yookiin hafuurri gara finna gadaamessa haadhaa keessa jiruu attam akka seenu akkuma beekuu hin dandeenne, ati hujii Waaqa waan mara dadee beekuu hin dandeettu. 6 Waan ati facaatte keessaa ka tolu kam akka te'e waan hin beenneef, midhaan keeti ganamaan facaasi; galgalalle harki keeti hujii hin lakkisin; kun yookiin sun yookiin lamaanuu hin tola fa te'a.
7 Ifi dansa'a; aduu ilaaliis ilatti tola. 8 Nami bara hedduu le'ulle, bara san mara gammaduu ti; ammoo barri dukkanaa bacaa akka te'e qaabatuu ti. Wonni dhufu martinuu bu'aa hin qabu.
10 Tanaaf gadhaa keeti keessaa yaaddoo fageessi; nafa keeti keessaa waan hantuu baasi. Sababille dargaggumma'aa fi jabeenni bu'aa hin qaddu.
<- Kitaaba Lallabaa 10Kitaaba Lallabaa 12 ->
Languages