4 Ee, Israa'el dhage'i! Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna Waaqa tokkocha. 5 Mootii Waan Waaqa keeti gadhaa keeti tokkochaan, lubbuu teeti takkatti'ii fi hunna teeti maraan jaaladhu. 6 Ajajoota ani adha si ajaju kana ijjumaa hin dedhin. 7 Ajajoota kana irra deddeebi'iitii ijoollee teeti barsiisi. Yennaa mana teettu, yennaa karaa ideentu, yennaa irkattu fi yennaa kaatu marroo ajajoota kanaa dubbadhu. 8 Beessisa akka sii te'uuf harka keeti irratti hidhadhu; adda keeti irralle'etti hidhadhu. 9 Mikikkila balbala mana keetiitii fi seensuma karra teetii irratti barreessi.
16 Addee «Maasaa» jedhantutti akkuma gootane, Mootii Waan Maraa Waaqa keessan haga hin ilaalina'a. 17 Ajaja, seerataa fi seera Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isin ajaje miidhassa'aa eegadha'a. 18 Akka sii toltu, lafa Mootiin Waan Maraa abbootii teeti ta duriitiif kenniisaaf kaku'uun waadaa gale akka dhaaltuuf, Mootii Waan Maraa duratti waan qajeelaa te'ee fi waan dansaa te'e huji. 19 Akka Mootiin Waan Maraa jedhe diinota keeti ifi duraa hin ariita.
20 Gara duraa yennaa ilmi keeti, «Hiikkaan qajeelfama, seerataa fi seera Mootiin Waan Maraa Waaqi kenna si ajajee maan?» jedhee yoo si gaafate, 21 ati ilma keetiin, «Dur nuuti garboolee mooticha Gibxi'ii ti; Mootiin Waan Maraa ammoo hunna ifii guddo'oon biyya Gibxi'ii keessaa nu baase. 22 Ila teennaan adoo nu dhagginuu Mootiin Waan Maraa bilbaasota, maadee gugurdo'oo fi waan nama bararassu worra Gibxi'ii irratti, mooticha biyya Gibxi'iitii fi maatii isaa irratti hujeera. 23 Inni ammoo achii nu baasee lafa abbootii teennaa kenniisaaf kaku'uu waadaa gale, nuu kenniisaaf as nu fide. 24 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna yennaa mara akka nuu toltuuf, akkuma adhaa kana jiru'uun akka nu eeguuf, nuutille akka isa sodaannuuf, seerata isaa kana akka eeganu, Mootiin Waan Maraa nu ajaje. 25 Nuutille akkuma inni nu ajaje Mootii Waan Maraa Waaqa keenna duratti ajaja isaa kana mara yoo eeganne balchummaa nuu teeti» hin jetta.
<- Kitaaba Seera Keessa Deebii 5Kitaaba Seera Keessa Deebii 7 ->
Languages