5 «Lafa itti galtanee qabatanutti, akka eegattanuuf, akkuma Mootiin Waan Maraa Waaqi kiyya na ajajetti, ani seerataa fi ajaja isin barsiiseera. 6 Isaan kana akka dansaa eegadha'a; worra seerata kana mara dhage'uu fi gosa biyya adda addaa ta, ‹Dhugumaan kolbaan guddoon tun kolbaa qaroole'ee fi hubantii qaddu› jedhanuuf, qarumma'aa fi hubantii teessan itti mudhisa.
7 «Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna yennaa nuuti isa daadimannu akkuma nu'uuf dhikoo jiru, kolbaan guddoon dhibiin ta waaqoti isi'ii dhikoo isi'ii jiru tam ree? 8 Akka seera adha ani isinii kenne kanaa, kolbaan guddoon dhibiin seerataa fi seera balchaa qaddu tam ree? 9 Waan ila teessaniin dhaggitane akka hin deene, bara jiruu teessanii mara gadhaa keessan keessaa akka hin bannelle ifi eegadha'a. Waan kana ijoollee teessanii fi ijoollee ijoollee teessanii barsiisa'a. 10 Yennaa inni anaan, ‹Bara lafa san irra le'anu mara ulfinna naaf kenniisa akka baratanu, ijoollee ifiille akka barsiisanu, jecha kiyya akka dhage'anuuf kolbaa na duratti wolitti qabi› jedhe, gaara Siina'aa[a] irratti Mootii Waan Maraa Waaqa keessan dura guyyaa dhaabbatane qaabadha'a.
11 «Gaarri duumensa gurraachaa fi dukkana dimmaan gollamee, bobe'i ibiddaa ka haga gubba'aa gewu irratti bobe'iisatti adoo jiruu, isin dhuttanee gaara san jala dhaabbatane. 12 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa bobe'a ibiddaa san keessaa isinitti dubbate. Isin qoonqoo jecha isaa dhageettane malee, akki isaa attam akka jiru hin dhaggine. Qoonqoo qofa dhageettane. 13 Inni gondooroo isin woliin gondoore, ajaja ifii kudhan ka akka isin eegattanuuf isin ajaje san lasse; achiin duuba dhakaa baxxicha lama irratti barreesse. 14 Laga Yordaanosii gamatti buutanee lafa dhaaltanu keessatti seerataa fi seera isin eegattanu akka ani isin barsiisu Mootiin Waan Maraa yennaa san na ajaje.
25 «Isin ijoollee uumattanee, akaakota dhaggitanee lafa san keessa yennaa hedduu leetaneen duuba, akka fakkii waan fedheetiin waaqa dharaa hujiisaan ifi batteessitanee, Mootii Waan Maraa Waaqa keessan duratti waan hantuu hujjanee, isa yoo aarsitane, 26 lafa isin laga Yordaanosii gamatti buutanee qabattanu keessaa, ariiti'iin akka baddanu, ani guyyaa adhaa ol-gubba'aa fi lafa waamee isin irratti dhugaa qabadha. Isin ijjumaa hin baddan malee, yennaa hedduu achi hin leetanu. 27 Mootiin Waan Maraa kolbaa hedduu keessa isin hin bittinneessa; gosa biyya adda addaa ta Mootiin Waan Maraa keessa isin bittinneessu keessa, isin keessaa nama diqqaa qofatti lubbu'uun hafa. 28 Isin achitti waaqota nami mukaa fi dhakaa irraa huje, ka dhaggiisa, dhage'iisa, nyaatiisaa fi foolee fuudhiisa hin dandeenne hin waaqonfattan. 29 Garuu achuma keessattuu Mootii Waan Maraa Waaqa keessan gadhaa tokkochaa fi lubbuu takkatti'iin yoo barbaadattane, isa hin dhaggitan. 30 Ati yennaa guddoo rakkattee wonni kun marti si dhaqqaddu, bara muumme'ee irratti gara Mootii Waan Maraa Waaqa keetii deebitee isaaf hin ajajanta. 31 Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti mararaa waan te'eef, si hin lakkisu yookiin si hin balleessu yookiin gondooroo kaku'uun abbootii teeti woliin gondoorelle hin dedhu.
32 «Marroo waan bara durii, isin adoo hin dhalatiniin duraa, yennaa Waaqi lafa irratti nama dadeen jalqaba'aatii qoradha'a. Ol-gubbaa qacce'ee haga qacce'eetitti qorqora'a; wonni guddoon akkasii teeteertii yookiin dhage'antee beettii? 33 Akka isin Waaqi ibidda keessaa dubbatuun dhageettanee jiru'uun jiraattane, kolbaan dhibiin ibidda keessaa dubbatuun qoonqoo Waaqaa dhageettee jiru'uun jiraatte jirtii? 34 Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan biyya Gibxi'ii keessatti ila teessan duratti waan mara akka isiniif godhe, waaqi haga ilaaliisaan, bilbaasaa fi maade'een, lolaan, hunna guddo'oo fi irree diriirsee yookiin hujii guddo'oo fi sodaachittu'uun kolbaa biyya tokkoo keessaa kolbaa takka fudhatee ta ifii ka godhate jiraa? 35 Mootiin Waan Maraa Waaqa akka te'e, isa malee Waaqi dhibiin akka hin jirrelle akka beettanuuf waan kana isinitti mudhise. 36 Isin barsiisiisaaf inni ol-gubbaa irraa qoonqoo ifii isin dhageessise. Inni lafa irratti ibidda ifii guddaa isinitti mudhisee, ibidda keessaa jecha isaa dhageettane. 37 Inni abbootii teessan jaalatee isaaniin duuballe sanyii isaanii waan filateef, isin woliin jiraatiisaan jabeenna ifii gudda'aan biyya Gibxi'ii keessaa isin baase. 38 Lafa adha teessan teete tana gosa biyya adda addaa ta isin caalaa bacattu, hunnalle'een ta isin caaltu, lafa isaanii akka dhaaltanu isinii kenniisaaf, inni ari'ee isaan isin duraa baase. 39 Ol-gubba'aa fi lafa irratti Mootiin Waan Maraa Waaqi isa qofa akka te'e, isa malee ka dhibiin akka hin jirre adha beeka'aatii, gadhaa keessan keessatti qabadha'a. 40 Isiniif, isiniin duuballe ijoollee teessaniif akka toltu, lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan bara baraaf isinii kennu keessa bara dheeraa akka leetanu, seerataa fi ajajoota adha ani isin ajaju eegadha'a» jedhe.
41 Achiin duuba Muuseen qachoota sad ka laga Yordaanosii irraa gara aduun baatu jiranu adda baase; 42 kunille nami diinummaa adoo hin qabaatin danuu nama ijjeese tokko qachoota kana keessaa gara tokkochaa baqatee akka lubbu'uun hafu. 43 Qachooti kun: qachaa Bezerii ka gooroo goomole'ee keessaa gosa Ruubeniitiif, qachaa Raamootii ka biyya Giil'aadii keessaa gosa Gaadiitiif, qachaa Golaanii ka Baashaan keessaa gosa Minaase'eetiif adda baase.
- a Gaara Siina'aa: Gaarri kun dur Horeeb jedhama.
Languages