7 Achiin duuba Muuseen Iyaasuu waamee kolbaa Israa'elii mara duratti, «Ati kolbaa tana woliin gara lafa Mootiin Waan Maraa abbootii isaanii ta duriitiif kenniisaaf kakatetti waan galtuuf, lafa sanille dhaala isaanii gootee waan isaanii qoodduuf, jabaadhu, jajjabaadhu! 8 Mootiin Waan Maraa ifiifuu si'iin dura hin deema; si wolille'een hin jiraata; inni ijjumaa si hin lakkisu yookiin si hin gatu; hin sodaatin; addii hin kutatin» jedhe.
15 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa dunkaanii keessatti utubaa duumensaa keessaa mudhate; utubaan duumensaalle seensuma dunkaani'ii dhaabbate. 16 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Kunoo, ati duutee abbootii teeti ta durii bira dhaqaarta; kolbaan tun waaqota ormaa ka biyya itti galanuu hin waaqonfatan; isaan na lakkisanee, gondooroo ani isaan woliin godhe hin diigan. 17 Guyyaa san ani isaanitti aaree bobe'ee, isaan hin lakkisa; fuula kiyya isaan duraa hin dhoffadha'a; isaanille hin badan. Badiin guddo'oo fi rakkoon guddoon isaan hin dhaqqaddi. Guyyaa san isaan, ‹Badiin tun Waaqi keenna waan nu woliin hin jirreef nu dhaqqaddee motii ree?› jedhanee hin gaafatan. 18 Isaan gara waaqota dhibi'ii deebi'iisaan waan hantuu waan hujaneef, ani guyyaa san fuula kiyya ijjumaa isaan duraa hin dhoffadha.
19 «Amma faaruu tana barreeffadhuutii, kolbaa Israa'elii barsiisi; akka isaan irratti naaf dhugaa baatu, isaan akka faarsanu godhi. 20 Ani gara lafa aananiitii fi dammaa ta abbootii isaaniitiif kenniisaaf kakadhe sanii yennaa isaan fide, isaan nyaatanee quufanee gabbataneen duuba, ana jibbanee, gondooroo ani isaan woliin godhe diiganee, gara waaqota dhibi'ii deebi'anee isaan waaqonfatane. 21 Yennaa badiin guddo'oo fi rakkoon isaan dhaqqaddu, faaruun tun sanyii isaaniitiin waan hin raanfataminiif isaan irratti dhugaa hin baati. Ani gara lafa isaanii kenniisaaf kakadhee san adoo isaan hin fidiniin dura adhalle waan isaan godhiisaaf yaadiisatti jiranu hin beeka» jedhe.
22 Maarre Muuseen guyyuma san faaruu san barreessee Israa'eloota barsiise.
23 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa, Iyaasuu ilma Nunii ajajee, «Ati Israa'eloota gara lafa ani isaanii kenniisaaf kakadhetti waan galchituuf, jabaadhu; jajjabaadhu; ani si woliin jira» jedhe.
24 Muuseen jecha seeraa kana jalqabaa haga dhumaatitti kitaabatti barreessee fixeen duuba, 25 Lewwoota saanduqa Gondooroo Mootii Waan Maraa ba'atanu ajajee, 26 «Kitaaba seeraa kana fuudhiitii, achitti akka isin irratti dhugaa bawu, saanduqa Gondooroo Mootii Waan Maraa Waaqa keessanii bira keyi. 27 Isin finqiltootaa fi worra mataa jabaatu akka teetane ani hin beeka. Kunoo ani adha adoo jiru'uun isin woliin jiruu, eega Mootii Waan Maraa finqiltanee, du'a tiyyaan duuba fa'a irra caalaa attam attam finqiltan ree! 28 Ani jecha kana akka isaan dhage'anuuf akka isaanitti dubbadhu, ol-gubba'aa fi lafa isaan irratti dhugaa baatota godhee akka waamu, jaarsolee gosa teessaniitii fi qondaaltota teessan mara na duratti wolitti naa qaba'a. 29 Ani du'een duuba akka isin ijjumaa battoottanee, karaa ani isin ajaje irraa gortanu ani hin beeka. Isin fuula Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu waan hujjanuuf, hujii harka keessaniitille'een waan isa aarsitanuuf, baroota dhufanu keessatti badiin isinitti hin dhutti» jedhe.
Languages