1 Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti gosa biyya adda addaa ta lafa isaanii ka sii kennu yennaa balleesse, qachoota isaaniitii fi mana isaanii dhaaltee achi keessa le'iisa yennaa jalqaddu, 2 lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti akka ati dhaaltuuf sii kennu keessaa qachoota sad adda baafadhu. 3 Nami nama ijjeese tokko achitti akka baqatuuf, lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti akka ati dhaaltuuf sii kennutti, karaa baasiitii lafa san addee saditti qoodi. 4 Nami tokko duraan diinummaa isaa adoo hin qabaatin, adoo hin beekin, nama tokko yoo ijjeese, qachoota kana keessaa gara tokkootitti baqatee lubbuu ifii hamburatuu ti. 5 Nami tokko muka muriisaaf, nama tokko woliin baddaa seenee, muka muriisaaf harka yennaa ol fudhatu, agaraan sukkeya keessaa bu'ee, nama isa woliin jiru san dhowee, nami sun yoo du'e, nami ijjeese sun qachoota san keessaa gara tokkootitti baqatee, lubbuu ifii hamburatuu ti. 6 Worri namicha du'ee, ka namicha ijjeese haluu baasiisaaf haajaa qabanu sun aaranee isa hin ari'an. Qachaan itti baqatanu sun fagoo yoo te'e, inni duraan namicha irraa haluu adoo hin qabaatin waan ijjeeseef, ka du'iisaaf hin malle te'ulle, worri namichaa reebee isa dhaqqabee hin ijjeesa fa'a. 7 Ani tanaaf akka ati qachoota sad adda baafattuuf si ajaje.
8 Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti lafa, «Ani isiniif kenna» jedhee abbootii teetiif kaku'uun waadaa gale mara sii kennee lafa teeti yoo sii badhise, 9 ati ajaja inni adha si ajaju mara yoo eegatte, Mootii Waan Maraa Waaqa keeti yoo jaalatte, guyyaa mara karaa isaa gula yoo deente, qachoota dur adda baafatte sanitti qachoota dhibii sad itti dabalattee adda hin baafatta. 10 Lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti sii kennu keessatti, dhiigi nama yakkaa hin qannee akka hin dhangalaane, dhiiga dhangalu'uufille akka itti hin gaafatanne tana godhi.
11 Ammoo nami tokko nama haluu irraa qabu tokko riphee eegee, dhowee ijjeesee, lubbuu ifii hamburatiisaaf qachoota kana keessaa tokkochatti yoo baqate, 12 jaarsoleen qachaa isaa nama itti erganee achii isa fichisiisanee, akka inni du'uuf dabarsanee fira dhiiga baafatutti isa kennanuu ti. 13 Ati ila mararti'iitiin isa hin ilaalin. Nageenni akka si'iif te'u Israa'el keessaa nama dhiigi nama yakkaa hin qannee dhangalaase ijjeesi.
Languages