1 Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti ji'a «Abiib» jedhamu halkaniin biyya Gibxi'ii keessaa waan si baaseef, ji'a kana keessa Mootii Waan Maraa keetiif Jila Irra Dabaramaa jilifadhu. 2 Addee Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti akka itti waaqonfamuuf filatu sanitti, hoole'ee fi re'ee teeti keessaa yookiin loon keeti keessaa filiitii ciincaa Jila Irra Dabaramaa Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif ciincessi. 3 Foon ciinca'aa san daabboo uukoo qadduun hin nyaatin. Ati ariiti'iin biyya Gibxi'ii keessaa waan baateef, bara le'ii teetii mara guyyaa biyya Gibxi'ii keessaa baate san akka qaabattuuf, guyyaa torba daabboo uukoo hin qanneen nyaadhu. Isiin daabboo rakkinnaa ti. 4 Guyyaa torba san keessatti lafa teeti mara keessatti uukoon hin dhaggamin. Foon ati guyyaa qaraa galgala ciincaa dhikeessite halkan san irraa hafee haga ganamaatitti hin turin.
5 Ciincaa Jila Irra Dabaramaa, qachoota Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti sii kennu keessaa tokko keessalle'etti hin dhikeessin. 6 Garuu addee Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti maqaan isaa akka waamamuuf filatutti, yennaa aduun seentu, saatii ati biyya Gibxi'iitii baatetti dhikeessi. 7 Addee Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti filatutti foon iffeeliitii nyaadhu; ganama gara dunkaanii teetii deebi'ii deemi. 8 Guyyoota jaa daabboo uukoo hin qanne nyaadhu; guyyaa torbeesso'oo Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif yaa'iin woyyittiin godhantuu ti; guyyaa san hin hujin.
13 Midhaan keeti eeddummee irraa, midhaan woynii teetiille addee itti cunfantu irraa galfatteen duuba, guyyaa torba jila gose'ee jilifadhu. 14 Atii fi ilmi keeti, intalti teetille, tajaajilaan keeti, tajaajiltuun teeti, Lewwooti, worri alaga'aa, ijoolleen haadhaa fi abbaa hin qannee fi haadhotiin hiyyeessaa ta qachoota keeti keessa jiranulle jila tanatti gammada'a. 15 Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti, midhaan keetii fi waan ati hujattu maraan waan si eebbisuuf, addee inni filatutti jila tana Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif, guyyaa torba jilifadhu.
16 Dhiirti teeti marti addee Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti filatutti, wogga'atti yennaa sad Jila Irra Dabaramaa, Jila torbaan torbaatii fi Jila Gose'ee jilifatiisaaf wolitti qabamanuu ti. Isaan jilaaf yennaa dhufanu harka duwwaa Mootii Waan Maraa dura hin dhufin. 17 Nami martinuu akkuma Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti isa eebbisetti kennuu ti.
Languages