3 Waan battii te'e tokkolle hin nyaatina'a. 4 Tanaaf hori'ii fi bineensi isin nyaattanu: loon, hoolee, re'ee, 5 gadansa, buddannee, gadansa gaafa torbaa, godaa, qorkee, busowaa, hoolee gaaraa, 6 hori'ii fi bineensa keessaa ka kotteen isaanii baqaqa qaddu, ka alalfatanu nyaadhu. 7 Hori'ii fi bineensota alalfatanu ka kotteen isaanii baqaqa hin qanne, gaala, hilleensaa fi osolee hin nyaatina'a. 8 Booyyeen kotteen isi'ii baqaqa yoo qabaattelle, waan hin alalfanneef, aadaa dhugeeffanna'aatiin isin biratti battii teetuu ti; hin nyaatina'a. Reeffa isi'iille hin tuqina'a.
9 Dada bisaan keessa leetu mara keessaa ta koolaa fi solloqqee qaddu mara nyaadha'a. 10 Dada bisaan keessa leetu ta koolaa fi quncee hin qanne mara hin nyaatina'a. Isaan isin biratti battii te'anuu ti.
11 Sinbirroota qulqulloota te'ane mara nyaatuu hin dandeettan. 12 Sinbirrooti isin hin nyaanne ammoo: risaa, allaattii, rumicha, 13 culullee, jajjuu, culullee gosa adda addaa, 14 harraaqessa gosa adda addaa, 15 guchii, baabboo, haanqaa, balguda gosa adda addaa, 16 urunguu, qillisaa, alaakaa, 17 qongaa, allaattii gosa adda addaa, huummoo, 18 fududdee, dhaatii gosa adda addaa, looyyitu'uu[b] fi cirrichoo fa'a.
19 Dadi didiqqoon koolaan ka'anu marti isiniif ka battowane te'anuu ti; isaan hin nyaatina'a. 20 Isaan keessa ka qulqulluu te'ane ammoo nyaadha'a.
21 Isin kolbaa Mootii Waan Maraa Waaqa keessaniif woyyoontane waan teetaneef, waan ifiin du'e mara hin nyaatina'a; alagaan qachaa keessan keessa jiru akka nyaatu kenna'aaf yookiin ormaaf gurgura'a.
27 Lewwooti qachaa keeti keessa le'anu, qooda yookiin lafa ifii waan hin qanneef isaan hin dedhin. 28 Dhuma woggaa sadeesso'oo mara, midhaan woggaa sanii keessaa kudhan keessaa tokko fidiitii, qachoota keeti keessatti kuufadhu. 29 Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti hujii harka keetiitiin akka si eebbisuuf, Lewwooti qooda yookiin lafa ifii hin qannee fi alagaan, ijoolleen abba'aa fi haadha hin qannee fi haadhotiin hiyyeessaa ta qachoota keessan keessa le'anu dhufanee nyaatanee quufanuu ti.
<- Kitaaba Seera Keessa Deebii 13Kitaaba Seera Keessa Deebii 15 ->
Languages