5 «Nuuti cubbuu hunyeerra; yakkineerralle'e; hantuu hunyee finqilleera; ajajaa fi seera keeti irralle'ee deebineerra; 6 tajaajiltoota teeti raagota worra maqaa keetiin mootota keennatti dubbatanu, sooressitoota teenna, abbootii keennaa fi kolbaa biyya lafa mara hin dhageenne. 7 Ee Gootta'a, ati balcha'a; nuuti ammoo worra addatamaa si'iif waan hin te'iniif, nuuti namooti Yihuda'aa, kolbaan Yerusaalemiitii fi Israa'elii, bayya'aa fi dhikoo worri jirru ka ati biyya lafaa mara keessa bittinneessite yennaa ammaa tana salphanneerra. 8 Ee Mootii Waan Maraa, nuutii fi moototi kenna, qondaaltoti keennaa fi abbootiin kenna cubbuu waan hunyeef salphanneerra. 9 Nuuti finqillee isa irratti kaanulle Mootiin Waan Maraa Waaqi kenna marara'aa fi ka araaramu. 10 Nuuti Mootii Waan Maraa Waaqa keennaaf hin ajajanne; seera inni karaa tajaajiltoota teeti raagotaatiin nu'uuf kennelle hin eeganne. 11 Israa'elooti duudiin seera keeti irra dabaranee, siif ajajamuu didaneeran; nuuti waan si irratti cubbuu hunyeef, abaarsii fi kakuun ka seera tajaajilaa Waaqaa Muuse'eetitti barreeffame nu irratti dhangala'e. 12 Ati badii guddoo nu'uu fi abbootii mura'aa teenna irratti fidiisaan, wonni ati dubbatte marti akka nu irratti muummottu goote; wonni qachaa Yerusaalemii irratti teete, ol-gubba'aan jalatti ijjumaa teetee hin beettu. 13 Akkuma Seera Muuse'ee keessatti barreeffame, badiin tun duudiin nu dhaqqadde; te'uu malee nuuti cubbuu teenna irraa deebi'iisaan, dhugaa teetille hordofatiisaan si Mootii Waan Maraa Waaqa keenna hin gammachiinne. 14 Ee Mootii Waan Maraa Waaqa keenna, ati waan gootu maraan balcha'a; nuuti ammoo waan siif hin ajajaminiif, badii tana duudii nu irratti fidde.
15 «Ee, Goottaa Waaqa keenna, sittuu harka hunnaamessaan kolbaa teeti biyya Gibxi'ii keessaa baattee, maqaan keeti haga adhaatitti akka beekkamu goote; nuuti cubbuu hunyeerra; yakkineerralle'e. 16 Ee Goottaa, ati akka hujii teeti balchitti'iititti mufi'ii fi aarii teeti qachaa keeti Yerusaalem irraa, gaara keeti woyyicha irraa deebis. Sababa cubbuu teennaatii fi yakkaa abbootii teennaatiif qachaan Yerusaalemiitii fi kolbaan teeti, odduu worra adaala keenna jiranuu maratti salphataneeran. 17 Ee Waaqa keenna daadimataa fi gaaffii tajaajilaa keetii dhage'i; ee Goottaa, maqaa keetiif jedhiitii, Galma keeti diigameef marari. 18 Ee Waaqa, maganne'e naa dhage'i; rakkoo teennaa fi badii qachaa maqaa keetiin waamamuu ilaal. Nuuti balchummaa teennaaf adoo hin te'in, marartii teeti guddo'otti addannee daadimata keenna gara keeti dhikeeffanna. 19 Ee Gootta'a, nuu dhage'i. Ee Gootta'a, nuu araaram. Ee Gootta'a, nuu dhage'iitii, waan tokko godhi. Qachaan keetii fi kolbaan teeti maqaa keetiin waan waamamaneef, ee Gootta'a, maqaa keetiif jedhiitii hin turin» jedhee, gara Goottaa Waaqa kiyyaa daadimadhe.
24 «Balleessaan akka hattuuf, cubbuu hujiis akka dhaabbattu, yakka'aaf araarri akka kennamu, balchummaan bara baraa akka dhuttuuf, mudhi'ii fi raaga irratti chaappaan akka godhamu, Addeen Irra caalaa Woyyittiin akka muudantuuf, torbaan torbaatam kolbaa teeti irratti laffameera. 25 Tana beekiitii hubadhu; yennaa Yerusaalem adde'etti deebitee akka ijaarantuuf ajaji bayeen jalqabee, haga yennaa bulchaan muudame dhufuutitti torbaan torba hin dabarti; akkasuma torbaan jaatamii lamaaf badhinneen qachaa Yerusaalemii ijaarantee, baleen hin qotanti; te'uu malee tun duudiin bara rakko'ootitti teeti. 26 Bulchaan Muudame torbaan jaatamii lama saniin duuba, haqa malee hin ijjeefama; loltooti bulchaa dhibii ka dhufuu, qachaa Yerusaalemiitii fi Galma Waaqaa hin balleessan; muummeen qachaa Yerusaalemiitii fi Galma Waaqaa lola'aan teeti; badiin waan itti laffanteefille lolli haga dhumaatitti hin te'a. 27 Bulchaan dhibiin sun woggaa torbaaf kolbaa hedduu woliin gondooroo hin godha; inni gamisa woggaa torbaatitti ciinca'aa fi kennansi midhaanii akka hafu godhee, addee ciinca'aatii fi kennansa midhaan sanii, battummaa badii fiddu Galma Waaqaa keessatti akka jiraattu hin godha; tunille adabbiin bulchaa san irratti laffante haga muummottutti teeti» jedhe.
<- Daani'elii Raagichaa 8Daani'elii Raagichaa 10 ->
Languages