9 Qachaa san keessa namichi Simoon jedhamu tokko jiraayyu; inni hujii xanoo ifiitiin worra qachaa Samaariya'aa baaseffachiisee, ani nama gudda'a ifiin jedhaa tureera. 10 Worri qachaa sanii diqqa'aa fi guddaan duudiin, «Namichi kun, hunna Waaqaa ta ‹Hunna guddoo› jedhantu» jedhaa yaada tokkoon dhage'ane. 11 Isaan, waan Simoon yennaa hedduu xanoo ifiitiin isaan baaseffachiiseef, yaada tokkoon isa dhage'ane. 12 Isaan ammoo Filiphoos marroo oduu gammada Mootummaa Waaqaatii fi maqaa Yesuus Kiristoosii yennaa isaanitti lallabe dhage'anee, dhiiraa fi dubartooti dhugeeffatanee cuuphamane. 13 Simooninuu dhugeeffatee cuuphameen duuba, waa'ela Filiphoosii te'ee, baasotaa fi bilbaasota gugurdaa hujame yennaa dhagge baaseffate.
14 Ergantooti Yerusaalem keessa jiranu, worri Samaariya'aa Jecha Waaqaa akka fudhate yennaa dhage'ane, Pheexroosii fi Yohaannis gara isaanii ergane. 15 Isaan yennaa achi geyane, Ayyaana Woyyicha akka fudhatanu dhugeeffattootaaf daadimatane. 16 Worri Samaariya'aa maqaa Goottaa Yesuusii qofaan cuuphameera malee, Ayyaanni Woyyichi isaan keessaa nama tokko irralle'etti bu'ee hin jiruuyyu. 17 Tanaaf Pheexroosii fi Yohaannis harka ifii isaan irra keyane; isaanille Ayyaana Woyyicha fudhatane.
18 Yennaa ergantooti harka ifii dhugeeffattoota irra keyane, Simoon akka Ayyaanni Woyyichi namootaaf kenname dhagge. Maarre inni Pheexroosii fi Yohaannisiif beesee fidee, 19 «Nami ani harka kiyya irra keyu duudiin, akka Ayyaana Woyyicha fudhatu hunna tana analle'eef kenna'a» jedhe.
20 Pheexroos ammoo deebisee, «Ati Kennansa Waaqaa beese'een bitatiisaaf waan yaaddeef, atii fi beeseen teetille qile'etti bada'a! 21 Gadhaan keeti Waaqa duratti qajeelaa waan hin te'iniif, ati hirmaannaa yookiin qooda hujii teenna keessaa hin qaddu. 22 Tanaaf hammeenna yaada gadhaa keetii kana irraa deebi'i; waan akkana yaadatte kanaaf si'iif araarama fa'a te'a, gara Gootta'aa daadimadhu. 23 Ati hinaaffaa hadhoottu'uun guutantee, hidhamaa cubbu'uu akka teete dhaggeera» jedhe.
24 Simoon, Pheexroosii fi Yohaannisiin, «Waan isin anaan jettane kana keessaa tokkolle akka ana hin dhaqqanne, maganne'ee gara Gootta'aa naaf daadimadha'a» jedhe. 25 Pheexroosii fi Yohaannis dhugaa bayanee, Jecha Gootta'aa odeessaneen duuba, ollaa worra Samaariya'aa hedduu keessa Oduu Gammadaa lallabaa gara Yerusaalemii deebi'ane.
31 Guneessichi deebisee, «Adoo nami tokko naaf issee hin himin attamiin hubatiisa dande'a?» jedhe. Maarre inni akka Filiphoos garreettaa fardaan harkifamu san yaabee isa bira tee'uuf waame.
32 Addeen inni Barreeffama Woyyicha keessaa dubbisiisatti jiru,
34 Guneessichi Filiphoosiin, «Raagichi waan kana marroo eennuu dubbataara? Marroo ifiiti moo marroo nama dhibi'ii ti? Me natti himi» jedhe. 35 Achiin duuba Filiphoos dubbatiisa jalqabee, Barreeffama Woyyicha kana irraa kaasee, Oduu Gammadaa marroo Yesuus Kiristoosii isatti hime. 36 Isaan adoo karaa san gad deemanuu, bisaan tokko bira geyane. Guneessichi, «Bisaan kunoo ti; akka ani hin cuuphanne wonni na dhooggaa maan?» jedhe. [ 37 Filiphoos deebisee, «Gadhaa tokkoon yoo dhugeeffatte hin dandeetta» jedhe. Guneessichi deebisee, «Yesuus Kiristoos Ilma Waaqaa akka te'e hin dhugeeffadha» jedhe.][a] 38 Guneessichi garreettaa fardaan harkifamu akka dhaabbatu ajaje; innii fi Filiphoos gara lagaa dhaqanee, Filiphoosille isa cuuphe. 39 Isaan bisaan keessaa yennaa bayane, Ayyaanni Gootta'aa Filiphoos butee fuudhee deeme. Guneessichi deebi'ee isa hin dhaggine. Teetuu malee karaa ifiititti deebi'ee, gammadaa deeme. 40 Filiphoos ammoo qachaa Azooxonii keessatti dhaggamee, Oduu Gammadaa qachoota maraa keessatti lallabaa, gara qachaa Qiisaariya'aa dhaqe.
<- Hujii Ergantootaa 7Hujii Ergantootaa 9 ->- a Barreeffami gogaa duugame irratti barreeffame gariin laakkossa 37 hin dabalata; ka durii ammoo hin dabalatu.
Languages