7 Gara saatii sadiitiin duubatti, haati manaa isaa waan te'eeru adoo hin beekin dhutte. 8 Pheexroos isi'iin, «Me natti himi, beeseen isin lafa teessan itti gurgurattane haguma kanaayyuu?» jedhee gaafate;
9 Maarre Pheexroos isi'iin, «Atii fi Abbaan manaa keeti Ayyaana Gootta'aa haga ilaaliisaaf maaf wolii galtane? Namooti Abbaa manaa keeti awwaalane kunoo ammaa balbala dura jiran, isaan si'ille ba'atanee hin baasan» jedhe. 10 Isiin yoosuma miila Pheexroosii jalatti jiddee duute. Dargaggooti yennaa dhufane duuteertuun dhagganee, ba'atanee baasanee abbaa manaa isi'ii biratti awwaalane. 11 Wolde'ooti kiristaanaatii fi worri waan kana dhage'ane duudiin bararaqane.
27 Isaan ergantoota fidanee, Kora Mura'aa dura dhaabbachiisanee, hayyichi guddaan isaan qoree, 28 «Akka isin maqaa Yesuusiitiin hin barsiinne, jabeessinee isin seerreerraayyu, ammoo waan hujjane ilaala'a! Barsiisa keessan Yerusaalem duudii keessa babadhittaneertan; du'a isaatille'eef worra itti gaafatamu nu godhiisa barbaaddan» jedhe.
29 Pheexroosii fi ergantooti worri dhibiin deebisanee, «Nuuti namaaf ajajamuu irra, Waaqaaf ajajamuu qanna. 30 Waaqi Abbootii teennaa, Yesuusii isin muka irratti fannittanee ijjeettane du'aa kaaseera. 31 Akka Yesuus kolbaa Israa'elii cubbuu irraa deebisee araara cubbu'uu kennuuf, Waaqi sooressaa fi fayyisaa godhee midda ifiititti ol isa fuudheera. 32 Nuuti waan kanaaf dhugaa baatota; Ayyaanni Woyyichi, ka Waaqi worra isaaf ajajamuuf kennulle dhugaa baya'a» jedhane.
33 Korri Mura'aa yennaa waan kana dhage'ane, guddoo aaranee ergantoota ijjeesiisa barbaadane. 34 Isaan keessaa ammoo Fariisaayichi, barsiisaa Seera Muuse'ee te'e, maqaan isaa Gamaali'el ka jedhamu, ka nami duudiin guddoo ulfeessu tokko, Kora Mura'aa keessaa ol ka'ee, ergantoota san yennaa diqqoo ala akka tursiisanu ajaje. 35 Achiin duuba inni kora Mura'aatiin, «Kolbaa Israa'elii! Waan jara tana gootanu irratti ifi eegadha'a. 36 Tanaan dura namichi Toyidaas jedhamu ka'ee, ani nama jaba'a ifiin jedhe; namooti gara dhibba afurii te'anu isa woliin hujane. Ammoo inni ijjeefamee, worri isa woliin huju duudiin bittinnowanee, wonni sun achumatti dhumatte. 37 Akkasuma Yihudaan namichi Galiila'aa, bara kolbaan laakkowante ka'ee, namooti hedduun akka isa hordofanu godhe, ammoo innille ijjeefamee jennaan, hordofattooti isaa duudiin bittinnootte. 38 Maarre ammalle, jara tana irratti waan hantuu tokkolle akka hin goone ani isinitti hima. Isaan lakkisa'a! Wonni isaan yaadanee hujane nama irraa yoo teete, hin baddi; 39 ammoo yoo ta Waaqa irraa dhutte teete, isaan balleessuu hin dandeettanu; isin ifiifuu Waaqaan loltanuun ifi dhaggitan» jedheenii jennaan, isaanille gorsa Gamaali'elii fudhatane. 40 Isaan ergantoota ol waamanee deebisanee, dhaananee, lammeessoo maqaa Yesuusiitiin akka hin dubbanne ajajane; achiin duuba gad lakkisane. 41 Ergantooti Yesuusiif farriisaa fi salphatiisa akka waan dansa'aatitti laakkowanee, gammadaan Kora Mura'aa biraa gad bayane. 42 Isaan guyyuma guyya'aan Galma Waaqaa keessaa fi mana kolba'aa keessatti, Oduu Gammadaa ta Yesuusii Masiihiicha te'ee, barsiisiisaa fi lallabiisa hin lakkinne.
<- Hujii Ergantootaa 4Hujii Ergantootaa 6 ->- a Soroo: Galoo
Languages