7 Guyyaa hedduu laana hobolo'oon deennee, rakkoo guddo'oon qachaa Kiniidoosii bira geenne; bubbeelle gara duraa deemiisa yennaa nu dhooggite, oddoola Qareexisiititti gollannee, cinaa Salmooniitiin dabarre. 8 Nuuti rakkoo guddo'oon cinaa abbaaya'aa irra dabarree, gara addee «Buufata hobolo'oo miidhagaa» jedhamu, ka qachaa Lase'aatitti dhikaatu bira geenne.
9 Yaasuma keenna irratti guyyaan hedduun dabaree, yennaan laamaalle waan dabarteef, hobolo'oon deemuun rakkisaa waan te'eef, Phawuloos isaanitti gorsee, 10 «Jarana! Haganaa achi hoboloo gudditti'iin deemiisi keenna kun akka balaa qabu dhagga; fe'iisaa fi hoboloon guddittiin baddee, lubbuun namaalle hin dhumatti» jedhe. 11 Ajajaan dhibbaa ammoo, gorsa Phawuloosii caalaa, waan abbaan hobolo'ootii fi ka hoboloo oofu jedhane dhugeeffate. 12 Addeen buufata hobolo'oo sun, yennaa gannaa achi turiisaaf ta hin tolle waan teeteef, isaan keessa garri caalaan, achii ka'anee, yoo isaanii dande'ame Finiiqe'etti galanee, ganna achitti bayiisaaf murteeffatane. Finiiqeen addee buufata hobolo'oo, oddoola Qareexisii irraa gara kaaba dhi'aatii fi kibba dhi'aa jirti.
21 Namooti adoo sagalee hin nyaatin guyyaa hedduu turaneen duuba, Phawuloos odduu isaanii dhaabbatee, «Jarana, waan ani isiniin jedhe dhageettanee Qareexisii adoo ka'uu dhaddane, bala'aa fi badiin tun isin hin dhaqqadduuyyu. 22 Amma ammoo, jabaadha'a! Sababille hoboloo guddittii malee, isin keessaa lubbuun nama tokkolle hin baddu. 23 Halkan edaa ergamaan Waaqaa ka Waaqa ani ka isaa te'ee fi ka ani waaqonfadhuu, na bira dhaabbatee, 24 ‹Phawuloos, hin sodaatin! Ati Mootii Mootota Rooma'aa dura dhaabbatuu qadda. Waaqille lubbuu worra si woliin jiruu duudii, si'iif jedhee du'a irraa hin hambura› jedhee natti himeera. 25 Tanaaf, jarana jabaadha'a! Akkuma inni natti hime akka teetu ani Waaqatti hin addadha. 26 Te'uu malee, bubbe'een oofannee, oddoola tokko irratti gatamuu hin oollu» jedhe.
27 Gaafa guyyaa kudhanii arfeesso'oo halkan, abbaayaa Adriiya'aa irra bubbeen asii fi achi nu oofaa, gara halkan wodhakka'aa yennaa geenne, worri hoboloo guddittii keessa jiranu, waan lafatti dhikaatane seyane. 28 Isaan waan ulfaatu qaccee wodaro'ootitti hidhanee gad buusanee, gad fageenni bisaanii meetira afurtama te'ee dhaggane; diqqoo deemaneen duuba akkuma kaan wodaroo bisaan keessa buusanee gad fageenni meetira soddoma te'e. 29 Hoboloon guddittiin rassaa dhootti jedhanee sodaatanee, sibiila ulfaataa afur, hoboloo guddittii duubaan abbaayaa keessa gad buusanee, akka latti bariituuf daadimatane. 30 Achiin duuba worri hoboloo guddittii oofu, dheetiisa barbaadanee, sibiila ulfaataa hoboloo guddittii duraan abbaayaa keessa waan gad buusanu fakkeessanee, hoboloo diqqittii hoboloo guddittii irra jirtu, abbaayaa keessa buusane. 31 Phawuloos ammoo ajajaa dhibbaatii fi loltootaan, «Worri kun hoboloo guddittii irra yoo turuu dhabe, isin hafuu hin dandeettanu» jedhe. 32 Tanaaf loltooti wodaroo hoboloon diqqoon ittiin hidhante irraa kutanee abbaayaa irratti gad lakkisane.
33 Fuullee ganamaa, Phawuloos isaan duudiin sagalee akka nyaatanu kadhatee, «Isin adoo sagalee hin nyaatin adhi bultii kudhanii arfeesso'oo ti; yennaa tana mara womaa afaaniin hin qanne. 34 Tanaaf, akka isin sagalee nyaattanu isin kadhadha; jiraatiisaaf nyaatiisa isin barbaachisa. Isin keessaa mataa nama tokkoo irraayyuu rifeensi tokkolle hin badu» jedhe. 35 Phawuloos tana jedheen duuba, xaltaa ol fuudhee, isaan duudii duratti Waaqa galateeffatee, cassee, nyaatiisa jalqabe. 36 Achiin duuba isaan duudiin jajjabaatanee, sagalee nyaatane. 37 Nuuti worri hoboloo keessaa wolumatti namoota dhibba lamaa fi torbaatamii jaa. 38 Isaan duudiin nyaatanee quufaneen duuba, fe'iisa qamadi'ii abbaayaa gudditti'itti darbanee hoboloo guddittii sallisane.
42 Worra hidhamane keessaa tokkolle abbaayaa daakee akka hin milindhe, loltooti isaan duudii ijjeesiisaaf yaadatane. 43 Ajajaan dhibbaa ammoo Phawuloos lubbuu hamburiisaaf waan barbaadeef, akka isaan waan yaadane godhanu hin lakkinne. Inni worri daakiisa dande'u dursee hoboloo guddittii irraa utaalee akka lafatti bayanu ajaje; 44 worri hafe ammoo, falaxaa mukaa baxxichaan yookiin muka hoboloo gudditti'ii ka caccabeen akka bayanu hime. Akka kanaan isaan duudiin nageyaan lafa irra geyane.
<- Hujii Ergantootaa 26Hujii Ergantootaa 28 ->
Languages