6 «Karaa gubbaa adoo jiruu Damaasqo'otti yennaa dhikaadhe, gara saatii jaatitti dedhuma ifi guddaan gubbaa irraa adaala kiyyatti balaqqise. 7 Ani lafatti jigee qoonqoo, ‹Saa'ol, Saa'ol! Maaf na miita?› jettu dhage'e. 8 Anille, ‹Eennu ati Gootta'a?› jedhee gaafadhe. Inni deebisee, ‹Ani Yesuusii Naaziretii, ka ati miitu› jedhe. 9 Namooti na woliin jiranu ifa dhaggane; ammoo qoonqoo natti dubbattu san hin dhageenne. 10 Ani, ‹Maan godhu Gootta'a?› jedhee gaafadhe. Goottaalle, ‹Ka'iitii, gara Damaasqo'oo deem; akka ati gootuuf waan Waaqi murteesse mara, achitti sitti himama› anaan jedhe. 11 Balaqqeettii ifaa irraa ka ka'e, ilti tiyya dhaggaa waan dadhaddeef, worri na woliin jiru harka na qabee, gara qachaa Damaasqo'oo na geesse.
12 «Qachaa san keessa namichi Anaaniiyaas jedhamu tokko, ka Seera Muuse'ee eegatuu fi Yihudoota Damaasqoo jiranu duudii biralle'etti, ka ulfeeffame tokko jiraayyu. 13 Inni gara kiyya dhufee, na bira dhaabbatee, ‹Obboleessa kiyya Saa'ol, ilti teeti deebitee sii dhaggitu!› jedhe. Yoosuma ilti tiyya banantee, isa dhagge. 14 Achiin duuba inni, ‹Waaqi abbootii teennaa, akka ati fedha isaa beettu, tajaajilaa isaa balchaa akka dhaggituu fi afaanuma isaatiin dubbatuun akka dhageettu, si filateera. 15 Ati waan dhageettee fi dhaggite, nama duudi'iif dhugaa akka baatuuf, inni tana godhe. 16 Amma maan eedda ree? Ol ka'iitii, maqaa isaa waamaa cuuphamiitii, cubbuu teeti dhiqadhu› anaan jedhe.
22 Gumiin haga Phawuloos tana dubbatu isa dhageette; duuba irra ammoo, qoonqoo ol qabattee, «Nami akkasii lafa irraa baduu ti! Inni jiraatuu hin qabu!» jedhaa iyyite. 23 Isaan iyyaa, woyaa ifii gatanee, aarii guddoo mudhisiisaaf bukuu gara ol-gubba'aa facaasane. 24 Ajajaan woraana Rooma'aa, Phawuloos qabanee addee quttii loltoota woraanaa akka geessanuu fi kolbaan maaf akka itti iyyitu, dikamaa akka qoratamuu ajaje. 25 Yennaa isaan isa dikiisaaf teephaan hidhane ammoo, Phawuloos ajajaa dhibbaa ka achi dhaabbateen, «Nama Rooma'aa tokko, muraa malee dikiisi keessan seeraa?» jedhe.
26 Ajajaan dhibbaa yennaa waan kana dhage'e, gara ajajaa woraana Rooma'aa deemee, «Maan godhiisatti jirta? Namichi kun nama Rooma'aa ti!» jedheen.
27 Maarre ajajaan woraana Rooma'aa, gara Phawuloosii dhaqee, «Anatti himi, ati nama Rooma'aatii?» jedheen.
28 Ajajaan woraana Rooma'aa deebisee, «Ani nama Rooma'aa te'iisaaf, beesee hedduu kaffaleera» jedhe.
29 Tanaaf worri Phawuloos qorqoriisaaf qophowe sun, isa irraa deebi'e; ajajaan woraana Rooma'aalle, Phawuloos nama Rooma'aa akka te'ee fi wodaroo sibiilaatiin akka hiisiseeru yennaa hubate sodaate.
Languages