5 Yihudooti Waaqa sodaatanu ka biyya biyya lafaa keessa jirtu mara irraa dhufane Yerusaalem keessa jiraniiyyu. 6 Yennaa huuruu tana dhage'ane, gumiin guddoon wolitti qabante. Dhugeeffattooti afaan adda addaatiin dubbatanuun yennaa dhage'ane, isaan maadeffatane. 7 Isaan baaseffataa maadeffataa, «Kunoo worri akkana dubbataaranu duudiin worra Galiilla'aatii motii? 8 Attamiin ree isaan afaan keenna ka dhalootaatiin dubbatanuun, tokko tokkoon keenna dhageenna? 9 Nuuti worra biyya Phaarte'ee, Meediya'aa, Elaamii, Mesophotaamiya'aa, Yihuda'aa, Qaphadooqiya'aa, Phanxoosii, Asiya'aa, 10 Firiigiya'aa, Phinfiliya'aa, Gibxiitii fi lafa Liibiya'aa ta adaala qachaa Qereena'aa jirtu keessa leenu; gariin keenna worra biyya Rooma'aatii dhunne, 11 worra Yihudi'iitii fi worra Yihudii hin te'in ka dhugeeffannaa Yihudi'iititti galle; akkasuma worri Qarxeesiitii fi Arabaa jiran; kunoo isaan martinuu hujii baasaa ta Waaqi huje afaan keennaan dubbataaranuun dhageenna» jedhane. 12 Isaan baaseffatanee, waan jedhanu dhabanee, «Wonni kun maan jechu'u?» jedhaa wol gagaafatane.
13 Worri dhibiin ammoo, «Kolbaan tun daadhii woyni'ii untee machootteerti!» jedhaa itti murge.
22 «Worra Israa'elii dubbii tana dhage'a'a! Akkuma isin beettanu, eennummaan Yesuusii Naaziretii, hujii gugurdoo baasaa fi bilbaasota Waaqi karaa isaatiin odduu teessanitti muummesseen mirkanootteerti. 23 Nami kun akka Waaqi dur murteessee fi beekeen, harka keessanitti dabarfamee kenname; akka inni harka worra cubbaleyyi'iitiin fannifamee du'u gootane.[b] 24 Waaqi ammoo hunna du'aa jalaa bilisa baasee, du'aa isa kaase; sababille duuti isa qaddee hamburuu hin dandeenne.[c] 25 Daawiti marroo isaatiif,
29 «Obboleeyyan tiyya, abbootii teenna ta qaraa keessaa marroo mooticha Daawitii ifa godhee isinitti hima. Inni du'ee awwaalameera; awwaalli isaalle haga ammaa asi nu'u bira jira. 30 Daawiti raagicha waan te'eef, Waaqi sanyii isaa keessaa tokko hin moosisa jedhee kaku'uun waadaa akka galeeruuf beekeera. 31 Tanaaf Daawiti waan Waaqi gara duraa godhu dhaggee, marroo du'aa ka'iisa Masiihiitiif, ‹Inni addee awwaalaa keessatti isa hin lakkinne; foon isaalle awwaala keessatti hin tortorre› jedhee raageera. 32 Waaqi Yesuusii kana du'aa kaaseera; nuuti duudiille waan te'eeru kanaaf dhugaa baatota. 33 Inni gara midda Waaqaa Abba'aatitti ol fudhatamee, Ayyaana Woyyicha isaaf waadaa galame, Abbaa biraa fuudhee erge; ka isin amma dhaggitanuu fi dhageettanu kun isa. 34-35 Daawiti gara ol-gubba'aa hin baane; teetuu malee inninuu,
36 «Tanaaf Yesuusii isin fannittane, Waaqi Gootta'aa fi Masiihii akka godhe kolbaan Israa'elii duudiin dhugumaan beettuu ti!» jedhe.
37 Kolbaan yennaa waan kana dhageette, wonni kun gadhaa isaan nyaatee, Pheexroosii fi ergantoota dhibi'iin, «Jarana maan goona?» jette. 38 Pheexroos isaaniin, «Cubbuu teessaniif akka araarri kennamu, tokkoon tokkoon keessan cubbuu teessan irraa deebitanee, maqaa Yesuus Kiristoosiitiin cuuphama'a; kennansa Waaqaa, Ayyaana Woyyicha hin fudhattan. 39 Waadaan Waaqi gale isiniif, ijoollee teessaniif, worra fagoo jiranuu fi worra Goottaan Waaqi keenna waameefille'eef» jedhee deebise.
40 Pheexroos jecha hedduu dhibi'iin dhugaa isaanitti bayee, «Dhaloota badaa kanatti waan dhufu'uu jiru jalaa ifi baasa'a» jedhe gorse. 41 Worri hedduun waan inni jedhu dhugeeffatee cuuphame; gaafas dhugeeffattooti gara kuma sadii dabalamane. 42 Isaan guyyaa mara barattoota irraa barataa, tokkumma'aan le'aa, sagalee woliin areerratiisaa fi daadimatiisaan jabaataa turane.
Languages